Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Oromoonni Biyya Alaa Jiraatan Tibbana Godhan


Hiriirri nagahaa Oromiyaa eddoo adda addaati maaster plaanii Finfinnee fi magaalota Oromiyaa naanoo ishii jiran qindheessa jedhame mormuudhan jalqabame ji'a afur fixe.
Mormii kanaan walqabatee lubbuun namoota baayyee darbuu, baayyeen madaahuu fi namoonni baayyeen hidhamuu dhaabonni mirga dhala namaati falmman beeksisaa turun hin yaadatama.
Oromoonni biyya alaa jiraatanis tibba kana hiriira deeggarsaatti jiran. Yunaaytid Isteets -Waashingtan Diisii, Miniisootaa, Siiyaatil- Jarman, Awustiraaliiyaa, Xaaliyaanii, Kaanaadaa fi bakka adda addaatti hiriiri godhameera. Hiirri kunis haala yeroo ammaa Oromiyaa keessa jiru mootumma biyya jiraatanii beeksiisuu fi dhimmichi akka dhageetti argatu godhuudhaafi jedhama.
Gama biraatiin mootumman Itoophiya jeequmsa Oromiyaatti ummamee sababnii hanqinaa bullchiinsa gaarii, hojii dhabdummaa fi humnoota biyyaa alaati jedha.

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG