Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Guddaatu Magaalaa Yaaballootti Geggeeffame Jedhame


Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa
Faayilii - Hiriira Mormii Oromiyaa

Godinaa Booranaa magaalaa Yaaballoo keesssatti Roobii, Adoolessa 20, bara 16 hiriirrti uummataa guddaan geggeessamuu dubbatan - jiraattonni.

Hoidhamtoonni siyaasaa akka Obbo Beqqelee Garbaa faa nuuf haa hiikaman, kan Naarobbii keessatti butamee achi buuteen isaa dhabame – Abbaa Liiban Dabbassaa Guyyoo nuuf haa barbaadamu. Proojektiin Bishaan Billiqqoo deebi’ee nuuf hojjtamu, Warshaan Kallee, Dirreen Xayyaaraa fi Yunivarsitiin waadaa seename nuuf haa hojjetamu, alaabaan naannoo Somaalee Moyaalee keessaa haa ba’u, ka jedhanii fi dhaadannoolee ka biroo fudhatanii hiriira ba’an – jiraattonni Godinaa Booranaa. Hiriira kanatti uummatni kuma hedduutti lakkaawamu hirmaachuu isaa fi ka nagaan xumurame ta’uu illee jiraattonni dubbatanii jira. Gaaffii uummataa kana ilaalchisee, qaama mootummaa irraa – aangawaa bulchaa godinichaa turan dubbisee jirra.

Waan maraafuu qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Hiriira Guddaatu Magaalaa Yaaballootti Geggeeffame Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:22 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG