Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hizbollaan Magaala Aleeppoo Naannoo Mormitootan Qabamee Jiruti Haleellaa Banuuf Akeekkachiisee


Hizbollaan Magaala Aleeppoo Naannoo Mormitootan Qabamee Jiruti Haleellaa Banuuf Akeekkachiisee
Hizbollaan Magaala Aleeppoo Naannoo Mormitootan Qabamee Jiruti Haleellaa Banuuf Akeekkachiisee

Gareen hidhattootaa Libaanon – Hizbollaan, humnoonni Siiriyaa akka uummatni bakka loltoonni momitootaa to’tan – aanaalee Aleeppoo gama Bahaa keessa jiraatan gad-lakkisanii ba’an ajaja xumuraa kennan – jechuudhaan, lafa Aleppoo mormitootaan qabatamee jiru isa dhumaa irratti haleellaa banuuf akeekkachiisee jira.

Sodaachisni garee Izboollaa irraa dhihaate kun, magaalaa waraanaan marsamtee jirtu – Aleeppoo keessaa uummata Siivilii baasuutti danqaa ta’uu mala – jedhama.

Wal-waraansa gara waggoota ja’aaf Siiriyaa keessatti geggeessamaa ture keessatti, humnoonni hidhattootaa Hizbollaah, waraana Prezidaanticha Siiriyaa – ka Bashaar Alashaad deggeruun lolaa turan.

Qabsaa’onni Siiriyaa akka jedhanitti, kanneen bara 2012 irraa jalqabanii finciltootaan Aleppoo Bahaa keessatti iggitamanii jiran – gara kuma sadii ta’an.

XS
SM
MD
LG