Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan maanti kubbaa miilaatiin guddachuu dhowwe?Ammallee leenjisaa kubbaa miilaa haaraa qaxarachuuf nama barbaadachuutti jirti


Deeggartoota Itoophiyaa ka yoo Itoophiyaa Waancaa kubbaa Addunyaatii dabruuf Nayjeriyaa waliin taphate daawwatan. Bara 2014.
Deeggartoota Itoophiyaa ka yoo Itoophiyaa Waancaa kubbaa Addunyaatii dabruuf Nayjeriyaa waliin taphate daawwatan. Bara 2014.
Itoophiyaa maanti kubbaa miilaatiin guddachuu dhowwe?
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:52 0:00

Itoophiyaan atileetiksiin addunyaa duruma jirti taatullee dandeettii kubbaa miilaatin ammallee addunyaa duuba jirti.

Sadarkaa FIFAn bara 2016 baaseen Itoophiyaan sadarakaa 112esso irra jirti.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa afcon 2017 Gaabonitti qopheessaniif dabruuf Gurrandhalaa dabre dorgomte irratti Aljeeriyaan Itoophiyaa 7-1 moote Koongoolleen dorgommii Waacnaa Shaampiyoonaa Afrikaatiif dabruuf taphataniin Itoophiyaa 3-0 moote.

Itoophiyaan duruu leenjisaa hedduu qaxaratte.Tom Saintfiet dhalootaan Poortugaal.Namii kun bara 2011 Itoophiyaa leenjisuuf dhufee adoo hin turinuu dhiise.

Achii Sewnet Bishawutti leenjisuuf itti dabree.Innilleen 2011-2014 leenjise.

Mariyano Barreto dhalootaan nama biyya Indiiti.Innilleen Itoophiyaa haga 2014-2015 leenjsie.

Yohannes Sahle 2015-2016.Gebremedin Hayilee 2016 jababee bakka bu'aa leenjisaa tahee hojjachuutti jira.

Itoophiyaa ganna diqqaa keessatti leenisaa kubbaa miilaa biyyoolessaa hedduu itti jijjiirtee ufi laalte.

Ammallee torbaan lamaa fi sadiin duubaletti leenjsiaa haaraa qaxarachuuf deemti. Taatullee kubbaan miilaa ammallee akka herrega nama hedduutti fuluma durii jira.

Rakkoon kubbaa miilaa Itoophiyaa maan? Akka jecha pirezidaantii federeshiinii kubbaa miilaa Itoophiyaa,Juneddiin Bashaatti Itoophiyaan akka duriitiin yoo waltilaalan amma akka dansaa jirti.

Amma ijoollee didqqoo jala oli dorgommiif qopheessuuf guddisuutti jiran.Istaadiyoomiin ispoortii qopheessan hedduutti jira bara lamaa fi sadii

XS
SM
MD
LG