Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan qaama rakkoolee hiriira mormii Oromiyaa fi naannoo Amaaraa irratti dhalatte qorachuuf alaa dhufu hin barbaaddu jedhan


Waajjira Koomuniskeeshii Mootummaa Itoophiyaa
Waajjira Koomuniskeeshii Mootummaa Itoophiyaa
Itoophiyaan qaama alaa dhufee rakkoo hiriira mormii Oromiyaa fi Itoophiyaa qoratuuf hin feetu jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:48 0:00
Xurree marsariitii

Akka oduu himaan waajjira odeeffannoo mootummaa Itoophiyaa Mohaammad Sayid jedhutti Itoophiyaan qaama rakkoolee biyya keessa uumamte qoratuuf baayee qaba.

Kanaafuu gaafii Koomishineera Mirga namaa Tokkummaa Mootummootaa ka akka qaamii sadarkaa addunyaa rakkoolee hiriira mormii naannoo Oromiyaatii fi naannoo Amaaraa irratti dhalattee qoratuuf ka ufiituu waan qabduuf alaa hin barbaaddu.

“Yoo rakkoon qoratamuu malee jiraatte warrii seerii eeyyamuuf ka qorachuu maletti jira.Dhaaba alaa dhufee rakkoo teenna nuu qoratu hin barbaannu. Dhaabii biyya keessaa ka akka koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa faatii rakkoolee jirtu biyya keessaa deemee qorachuun beekamaa.Asiin durallee tanuma hojjachaa bahee qaamii kun seera qabeessaaa humna qabeessaa rakkoo jirtullee ufumaan qorata.Kanaaf ka nuuf qoratu qamna.”

Tana maleellee akka jecha obbo Mohaammadiitti,“seerii amma Itoophiyaa keessa jirulleen rakkoolee biyya keessa jirtu ufumaan fixachuu dandeessisa. Koomishiinii mirga namaa Itoophiyaalleen rakkoolee biyya keessa jirtu gadi bu'ee qoratee fala itti barbaadee waan arge ummatatti himee abbaa balleessaa qabullee balleessaan gaafatame.Kun mootummaa rakkoo biyya keessa jirtullee ufumaan falachuuf humnaa fi daneettii qabu.”

Gama kaaniin ammoo dhaabii mirga ilmaan namaa Human Rights Watch (HRW) dhaabii mirga ilmaan namaa warra pirezidaantii Amerikaa tahuuf dorgomuutti jiru gaafii 12 ta jarii silaa yoo fialtame biyya akka Chaayinaa, Raashiyaa fi Itoophiyaa fa keessatti rakkoolee mirga namaa qorachuu malanii jedhee yaada isaanii gaafate.Tana irratti obboo Mohaammad akkana jedhe.

“Human Rights Watch faatii jara fagoo taahee adoo waan mirkanaa biyyitii teenna keessa jirtu hin beennee yaada ufii kennuu fi herrega qajeelaa biyya teennaaf hin qamne.Akkuma duralleen jennee yaadii jaraa qajeelaa miti. Mirkanaa miti.Maan jennaan warra fedhii ufiitiif jedhee yaada qajeelaa hin kennine.Yaada akkanaa dubbachuun isaanii nu hin ajaahibsiisullee. Isumaa sun dhiisanii adoo dubbii qajeeltuu dubbatanii wayyaa jedha.”

Dhaabi mirga ilmaan namaa kun(HRW) jara pirezidaantii Amerikaa tahuuf dorgommiitti jiru,Hilarii Kilintonii fi Doonald Tiraampi waan jarii yoo silaa filatame biyya mirga namaa keessatti hin eegamne jedhe Chaayinaa, Raashiyaa fi Itoophiyaa faan jedhu gaafii 12 gaafate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG