Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Barnoota Fageenyaa Itiyoophiyaa keessaa Uggurame.


Ministerri Barnootaa Itiyoophiyaa barnoonni koolejjiiwwan dhuunfaa ququllina barnootaa miidhe jedha, waaltaaleen dhuunfaa immoo tarkaanfiin mootummaan fudhate carraa uummataa cufe jedhu.

Ministerri barnootaa Itiyoophiyaa barumsa fageenya irraa kennamu ugguree, sagantaaleen barumsaa koolejiiwwan dhuunfaa hagi tokko akka cufamanillee ajaje. Sagantaalee barumsaa ugguraman keessaa lama leenjisa barsiisummaa fi barnoota seeraa ti. Ministarri barnootaa Itiyoophiyaa "tarkaanfiin kun kan fudhatame sadarkaa ququllina barnootaa eeguufi; koolejjiiwwan dhuunfaa irra-hedduun kanneen bu’aa ofii argatan qofatti fuuleffatani" jedha.

Abbootiin qabeenyaa koolejiwwan dhuunfaa immoo "qajeelfammi kun hojii nuti waggoota hedduuf itti dadhabne nu duraa balleesse, carraa barnootaa uummatni argatee tures duraa cufe" jedhu. Akka angawootni dhaabbatoota barnootaa dhuunfaa jedhanitti, tarkaanfiin kun fudhatamuun barattoota qofaa utuu hin taane barsiistotaa fi hojjettoota koolejii fi yuniversitiiwwan dhuunfaa illee hojii male hambisuuf jira. Fuula kana irra gama harka mirgaa ka jiru MP3 tuqaa guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG