Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojiin Mirga Dhala-namaa Seera Mootummaan Itiyoophiyaa Baaseen Laamsha’e, jedha Amnistiin


Seerri wal-falmsiisaan Mootummaan Itiyoophiyaa dhhaabbatoota ka mootummaab hin ta’iin ilaalchisee baase hojiiwwan mirga dhala-namaa biyyattii keessaa laamshessee jira, jechuun Amnisty Internaashinaal gabaasaa gidduu kana baaseen Itiyoophiyaa keessatti, dhaabbatoonni naannoo mirga dubartootaa fi ijoolleetti, akkasumas mirga gurmuu fi nam-tokkeetti hojjetan -- tajaajila isaanii dhaabuu fi cufuuf dirqamanii jiran, jedha.

Amnisty Internaashinaalitti Itti-aantuu Itti-gaafatamtuu Waajira Dhimma Afrikaa – Misheel Kagaarii ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, Dhaabbatoonni mirga dhala-namaaf falman hedduun maqaa isaanii fi hojii isaanii jijjiiruuf dirqamanii jiran.

Hojii isaanii “misooma” jedhamee kan isaaniif karoorfame qofatti akka fuuleffatan taasisamee jira. Dhaabbatoonni xiqqoon hojii isaanii ka mirga dhala-namaa itti fufuu yaadan, sababaa gargaarsa maallaqaa hin arganneef hojiin isaanii dhaabatee jira jechuun ni dana’ama, jedhu.

Dhaabbatni isaanii qorannaa geggeesse kanaan dhhaabbatoonni mirga dhala-namaa lama maallaqni Baankii keessaa qaban akka hin sochoone taasisamuu dubbatu. “Hojiin isaanii hojjetanis dhibba irraa harka kudhan hin ta’u” jedhu, Ms. Kaagaariin.

Akka Amnistii Internaashinaal jedhutti, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 1987 kan hundeessame Waldaan Dubartoota Ogeeyyii Seeraa, kan Itiyoophiyaa yeroo tokko, dubartoota Itiyoophiyaa kuma kudha-toorbaa ol tahaniif gorsa kennaa ture. Yeroo ammaa garuu gargaarsi maallaqaa dhaabbatichaaf kennamaa ture gu’uu irraa kan ka’e hojii isaa tajaajila murtaawaa kennuu qofatti murteessee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa garuu, kan Heera biyyattiin mirkaneessame mirga ijaaramuu lammiwwan biyyaa hojii irra oolchuuf seera baasuun waan barbaachisaa taheef -- qooda Dhaabbatoonni ka Mootummaa hin ta’iinii fi Jaarmayaaleen lammiwwan biyyaaf gumaachan seerri gargaaru baasamuun akka barbaachisaa tahe, seensa seerichaa irratti beeksisee jira.

Amnistii Internaashinaal gama isaan “Keeyyatawwan seericha keessa jiran tokko tokko --- mirga ijaaramuu kanneen jabeessan otuu hin taane kanneen jigsani” jechuun akka Mootummaan fooyyessu waamicha dhiheessa. Hawaasni sadarkaa Addunyaa jechuun, arjoomtonni, Gamtaan Afrikaa, Tokkummaan Mootummootaa fi dhaabbatoonni ka biroon, dhiibbaaleen seeraa dhaabbatoota Itiyoophiyaa ka Mootummaa hin ta’iin irra kaayaman karaa itti kaasaman akka falan gaafata.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG