Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongee Itiyoopiyaa Mudateen Akkaan Kan Miidhaman Ijoollee Dha


Haadha daa'imni ishii oggaa sadi'ii sababa hanqina nyaatatiin jalaa dhukkubsate, Matahaaraa, Oromiya, 2016
Haadha daa'imni ishii oggaa sadi'ii sababa hanqina nyaatatiin jalaa dhukkubsate, Matahaaraa, Oromiya, 2016

Itiyoopiyaan waggoota kurna hedduu keessatti hongee hamaatu ishee mudate. Kanneen hanqina nyaataan akkaan miidhamanis ijoollee ennaa ta’an dhukkubaafis isaan saaxilee mana barnootaa dhaquu hin danda’an.

Matahaaraa bakka lammiiwwan biyyattii irra hedduun gargaarsa namoomaa eeggatan irraa Marthe van der Wolf gabaastee jirti. Tujubetu dhiyeessa.

Hongee yeroo ammaa jiru irraan kan ka’e lammiiwwan Itiyoopiyaa miliyoona kudhanii ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan yeroo hatattamaa eeggataa jiran. Ijoolleen immoo irraa hafuu waan hin dandeenyeef balaa kanaaf daran saaxilamaniiru.

Hati daa’ima umuriin waggaa sadii fi hanqina nyaataan miidhame waliin kilinikii keessatti argaman tokko akka jedhanitti hanqina irraan kan ka’e qaamni isaa ni dhiita’e. waan nyaatan waan hin jiraanneef jedhu haati kun.

Ijoolleen dhiiraas erga beeladaaleen qaban martinuu hongee irraan kan ka’e dhumanii booda maatii isaanii gargaaruuf jecha barnoota addaan kutan.

Mootummaan Itiyoopiyaas ijoollee miliyoona ja’an kanneen afaan beelaa jiran, dhukkubaa fi hanqina nyaataa akkasumas hanqina bishaaniin dararamaa gargaaruuf jaarmolii gargaarsaa waliin hojjetaa jira. Jarmayaa gargaarsa daa’immanii irraa Saamu’el Terfa akka jedhanitti sababaa hinqina nyaataa fi beelaan kan ka’e ijoolleen hanqina nyaata madaalawaaf saaxilaman kun guddinni sammuu isaanii fi dandeettiin yaaduu isaanii gad bu’a dhibee yaraa kaasaafis ni saaxilamu jedhan.

Gargaarsa yeroo hatattamaa kanaaf gargaarsa maallaqa yeroo hatattamaa doolaara miliyoona 800 oltu argame. Mootummaan Itiyoopioyaa fi tokkummaan mootummootaa akka jedhanitti garuu waggaa kana qofaaf doolaara biliyoona 1.4tu barbaachisa.

Hongee Itiyoopiyaa Mudateen Akkaan Kan Miidhaman Ijoollee Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00

Maallaqi kun irra hedduun midhaan nyaataa dhiyeessuuf oola.Haada ijoollee ja’aa kan ta’an Alko Bultum ijoollee isaanii ja’an nyaachisuuf malli tokkichi gargaarsa argachuu dha jedhu.

Sababaa hongee Kanaan gargaarsa mootummaa eeggachuu malee homaa hin qabnu. Mana keessaa homaa hin qabnu. Ijoollee keenya waan nyaachisnu hin qabnu. Bishaan dhugaatii hin qabnu jedhan.

Bara dhuftu bara 2017ttus Itiyoopiyaa fi biyyoota gaanfa afriikaa fi Afriikaa gama kibbaa kanneen sababaa EL NINOn hongeen dhaga’amaniif gargaarsa midhaan nyaataatu barbaachisa.

Guutummaa qophii kanaa dhaggeeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:21 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG