Xurree ittiin seenan

Hoogganaan Koree Basaasa Ameerikaa Qorannaa Dhimma Raashiyaa Keessaa Of Baase Jedhan

  • VOA

Hoogganaan Koree Basaasa Ameerikaa Qorannaa Dhimma Raashiyaa Keessaa Of Baase Jedhan

Mana maree bakka bu’ota uummataa Ameerikaatti dura taa’aan koree dhimmootii basaasaa Devin Nuunes Raashyaan ennaa filannoo US bara darbee hojii komputeraan jidduu seenuu raawwatte jechuun himannaa dhiyaate gama ilaaleen qorannaa geggessamu keessaa yeroof ofi iisaanii kan baasan ta’uu beeksisan.

HImannaan naamusaa irratti dhiyaachaa turuun illee ni uyaadatama.

Koreen namusaa kan mana maree baatii darbe tuuta oduuf ibsa kennaniin Nuunes ragaa iccitiin qabame saaxuiluu isaanii ilaalchisee qorataa jiraachuu beeksise.

Tajaajlli basaasaa US manniiwwan biyyootii alaa ennaa basaasanitti maree gareen duula filannoo Traamp kan dubbatan galmee icitii argeera jechuun dubbatanii turan.

Nuunes har’a akka ibsanitti, gareeleen yaada madaalawaa qaban hedduun himannaa koree naamusaa kan mana maree irratti na irrtti dhiyeessaniif, himannaan sun hanga ilaalamutti qorannaa dhimma Raashiyaa ilaallatu keessaa ofii koo baasuu koon beeksisa jedhan.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG