Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Garee Mootummaa Libiyaa Hoogganoota Ameerikaa Waliin Wal Argan


Hoogganaan Garee Mootummaa Libiyaa Hoogganoota Ameerikaa Waliin Wal Argan
Hoogganaan Garee Mootummaa Libiyaa Hoogganoota Ameerikaa Waliin Wal Argan

Hoogganaan mootummaa Libya kan tokkummaa mootummootaan deggeramu angawoota US ol aanoo waliin Stuttgart Jarmanii keessatti wal arganii jiran.

Dubbi himaan waaltaa ajaja US kan Afriikaa Chuck Prichard VOAf akka ibsanitti muummichi minsiteeraa mootummaa Liibiyaa Fayez al-Sarraj kaleessa Generlaal Thomaas Waldhauser ajajaa waaltaa ajaja US kan Afriikaa fi Liibiyaatti ambaasaaddora US Peter bode waliin waajjira haadhoo waaltaa ajajaa sanatti wal arganii jiran.

Sababaan isaan wal arganiif haalli Liibyaa keessaa maal akka fakkaatu akkasumas hoogganni siivilii fi dhaabi waraanaa attamiin walii galteen hojjetaa akka jiran hubachuuf ta’uu Prichard ibsaniiru.

Saraaj yeroo lammataaf waajjira haadhoo waaltaa ajajaa US kan Afriikaa daawwatan.

Daawwannaan isaanii kun kan dhaga’ame angawoonni waraana Raashiyaa ennaa isaan ajajaa waraana mooatummaa Liibyaa kan gama bahaa kan Kalifa Haftar deggeruuf jecha xayyaara erganitti.

Angawoonni US baatii darbe Reutersiif akka ibsanitti Ameerikaan ennaa humnoonni addaa Raashiyaa fi xayyaaronni nam maleeyyii Sidi Barrani kan daangaa Masrii fi Liibiyaa irra fageenya km 100 jiru irra sosso’aan argitee jirti jedhan.

US uummata Liibyaa fi tasgabbiin akka dhfu hojjetti jedhu angawoonni kun.

XS
SM
MD
LG