Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni biyyoota Gaanfa Afrikaa Walii-galuun Baqattoota Biyyaa Irraa Baqattanitti deebisu, jedha LMNGF


Waajirri isaa Kanaadaa keessa ka tahe, Liigiin Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afrikaa baqattoota dirqsiisanii biyya irraa baqatanitti deebisuu fi qonnaan-bultoota lafa isaan barootaaf irra jiraatan irraa buqqisuu fi laficha daldaltoota alaatti gurguruu dabalatee miidhaa hamaa tu biyyoota Gaanfa Afrikaa keessatti geggeessamaa jira, jedha.

Dhaabbatichi dhiheenya kana Tokkummaa Mootummootaa irraa ehama “Special Consultative Status” jedhamu irraa argatee jira. Direktorri ol’aanaan jaarmayichaa, Obbo Gaaromaa Waaqasaa ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, ehama kana argachuu jechuun waltajjii biyyoota miseensota Tokkummaa Mootummootaa gara 193 irratti dhihaannee waa’ee mirga namoomaa Gaanfa Afrikaa ilaalchisee gabaasaa dhiheeffachuu feene dhiheeffachuu dandeenya, jechuu dha, jedhan.

Haala mirga namoomaa baqattoota Gaanfa Afrikaa keessaa ilaalchisee gabaasaa jaarmayaan isaanii dhiheenya baase ilaalchisuun ennaa ibsanis, “waggoota shaman dabraniif, haala mirga namoomaa Gaanfa Afrikaa keessaa, keessumaa immoo kan Itiyoophiyaa keessaa hordofnee gabaasaalee hedduu baafnee jirra. Yeroo baay’ee baqattoonni Itiyoophiyaa keessaa bahan biyyoota naannoo keessatti, keessumaa Somaalilandii fi Puntlaand keessatti ni dararamu. Mootummoonni biyyoota sanaa yeroo baay’ee ergamtoota mootummaa Itiyoophiyaa wajjiin walii-galuun yeroo baqattoota butanii biyyatti deebisan tu mul’ata. Ajjeesuun illee ni jira” – jedhu.

Mirga abbummaa lafaa fi mirga preesii Itiyoophiyaa keessatti dhiitamaa jira, jedhan irratti illee ibsa bal’aa kennanii jiran, Hoogganaan Liigii Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa kun.

Gaaffii fi deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG