Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkarri Kaaba Afriikaa Itiyoopiyaa Hin Dhaqqabu jedhu Angawoonni


Gaazexeessaa gaazexaa dhuunfaa Itiyoopiyaa Iskindir Naggaa polisoota meeshaa waraanaa hidhatantu torban darbe magaalaa Finfinnee walakkeessatti konkolaataa irraa utaaluu dhaan butanii rurrukutaa gara waajjira guddoo kan polisiitti nageessan jedha.

Sa’aatii lamaaf to’annaa jala wayita ooletti itti aanaa komiishinira polsisii kan eenyummaa isaanii kan ofi hin ibsine garuu hojiin isaa hookkara kakaasuu dha jechuun akeekkachiisa itti kennuu isaanii Eskinder dubbateera.

Barreeffamoota kee marsaa internetii irratti maxxansituu hookkara Masrii fi Tunisiaan wal fakkaatu kakaasuuf yaalaa turte naan jedhan. Sabaa himaalee adda addaa waliin gaaffii fi deebii geggeessitee jirta. Biyya kana keessatti haalli wal fakaataan hin uumamu jedhan.

Angawoonni Polisii waa’ee dhimma kanaa mul’inatti hin dubbine. Sabaa himaan mootummaa Itiyoopiyaa Africa gama kaabaa fi giddu galeessa bahaa keessatti ka’ee kan jiru sochii uummataa gabaasuuf yeroon kennu murtaa’aa dha.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.





Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG