Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Haleellaa New York-tti Hidhata Qabu To’annaa Jala Oole


Poolisii fi angawoonni naga eegumsaa dho’iinsi sun erga dhaqqabee booda naannoo Manhatan marsan. Bulchaan New York Andrew Cuomo balaan itti aanee jiru kan hin jiraanne ta’uu jiraattotaaf mirkaneessuuf bakka sanatti argamaniiru.

Garuu akka of eeggannootti, poolisii kutaa NY, waariyyaalee biyyoolessaa kuma tokko haaraa ta’an naanolee buufata atoobisii, buufata xayyaaraa fi bufataalee baabura imaltootaatti bobbaasuuf jirra jedhan.

Dho’iinsi sun sambata galgala sa’a 8:30 irratti dhaga’ame. Kaameeraa naannoo sana jiruun illee waraabamee jira. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti dho’iinsa lafa raasu guddaatu dhaga’ame.

Angawoonnis kan urmuriin waggaa 28 Ahmad Khan Rahami kan dho’iinsa knattii hidhata qaba jedhan to’annaa jala oolchanii jiran. Qorattoonni suraa isaa har’a ganama tamsaasanii turan.

Rahami-n dho’iinsa ka biroo sambata ganama New Jersey keessatti dhaqqabetti illee hidhata qaba. Bakka sanatti garuu namni miidhame hin jiru.

Poolisiin har’a boombiwwan ka biroo shan magaalaa New York buufata baabura imaltootaa cinatti kan argamu bakka kosii itti gatamu keessaa argame fashalsiisee jira. Poolisiin mana jireenya shakkamaa kanaa weeraruu dhaan ragaa itti dabalaa barbaadaa jira.

Ragaaleen walitti qabaman laboratorii FBItti ergamanii qoratamaa jiru. waajjira poolisii magaalaa New York waliin ta’uu dhaan dhimma kana itti siqeenyaan hordofuu itti fufna jedhan.

Bakka bombiin sun itti dho’e irraa hanga tokko fagaatee gareen boombii fashaleessu meeshaa elektrikii kan nyaata ukkaamsee battala bilcheessu kan “pressure cooker” mobaila harkaatti shiboo dhaan qabsiisame argan.

Mobilli harkaa daataa hedduu fo irraa qaba waan ta’eef mobilii qabame kana irra odeeffannoo hedduun argamuu ka danda’u ta’uu poolisiin beeksisee jira. Poolisiin nageenya naannoo New York cimsee ennaa jiru kanatti qorattoonni caasaa shororkeessotaa ykn haleellaan kun gareelee shororkeessota sadarkaa addunyaattii hidhata qabaachuu isaa adda baasuuf hojjetaa jiran.

http://www.voaafaanoromoo.com/a/3515529.html

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:50 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG