Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saayintistiin Awustiraaliyaa Roobootii loon tissitu, SwagBot jedhan hojjatee gabayaatti baasuuf kurfoo jira


Saayintistiin Awustiraaliyaa Roobootii loon tissitu Swagbot jedhan hojjate gurguruuf kurfoo jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:25 0:00

Saayintistiin Awustiraaliyaa Roobootii loon tissitu Swagbot jedhan hojjate gurguruuf kurfoo jira

Durii saree,helekoopterii fi namaan tissan. Amma ammoo Roobotitti itti dabalame horiin waan isa tissaa hedduu argachumatti jira.

Roobootiin saayintistiin yuniversitii Sidnii,Austiraaliyaa hojjate ta horii namaa tissistu tun SwagBot jedhanii miila sibiilaa afurii ka goommaa laastikii qabduun deemti.

Gubbaa ammoo saldaqaa roga afur qabdii, baatiriin hojjatuuti.SwagBot jechuun Awustiralaiyaatti maqaa nama hujii qonnaa hojjatuuti.

Roobotii bokkaalleen hin sodaanne tun yaaliif foora loon gammoojjii Awustiraliyaa keessa jiruutti erganii ilaaluutti jiran.

Awustiraaliyaan biyya looniiti.Biraazilitti aantee isiitti foon loonii harka guddaan biyya alaatti gurgurata.Industiriin isiin biyya keessaa qabdu guddoon hujii foon looniiti.

Biyyitii tun durii horii isii:loon,hooliyyee fi re’ee saree,tissituu farda yaabatuun tiffatti.Amma roobotitti hujii sun irraa fuudhuutti jira.

Roobootiin amma yaaliif hujiittiin jiran tun tarbee baatee,kooffee qaaritee, dhaqdhaqallee keessaan taakkaa horii gargara baduu dhoortee tissiti.Humna baatiriitiin hojjatti.

Akka saayintistiin yuniversiti Sidnii roobotii tana hojjate Salah Sukkarieh, jedhetti loon,hooliyee fi horiin dhibiilleen yoo rooboti tana argu waan isiin feetu beekanii hajajamaniif.

Roobootiin tun duraa fi duuba garuma feetee deemti jedha porofeserii kun. Roobootiin tun bokkaa jettee hin dhabduu, baddaa, gammoojjii fi waan hedduu deemti.

Loon,re’ee fi horiin dhibiilleen yoo roobootii tana argan dura baqachaa yaahanii isiin ammoo gussitee galchiti.

Awustiraaliyaan lafa horii taatu bal’oo qabdi.Lafti loon Awustiraaliytaa hektaara kuma hedduuti.Tana keessa deemanii waliin gahuuf huji guddo feeti.

Roobootiin tun lafa diidaa irratti saatiitti km 20 deemti.Namatti fagoo taa’ee ‘rimootiin’ hajaja.Humna gomboo faahiisaallee baattuun jabdu qabdi.

Kaameraan isii irra jiru ammoo waan horiin keessa oole fkn ka dhibame, ka okkolu namatti himuu dandeetti.Kaameraa isii irra kaahaniin fago taa’anii oowwa nafa horii tohataniin laaluu dandaha.

Kaameeraan isii irratti hojjatanilleen akka innii gara marrii jirullee nama agarsiisuu dandahu hojjachuutti jiran.

Roobootiin amma hojjachuutti jiran tun ganna sadi keessatti harka warra isii barbaadu gahuuf deemti.

Yo milkoofte asii achi saree fi namallee irraa fuute Roobootitti horiin namaa tissuuf deemaa jechuu.

Roobootiin SwagBot jedhan tun tika malee horii bineensa irra dhowwuu dandeetti mo hin dandeettu? Ammatti waan mirkanaa hin qamnu gaafuma isiin gabaayaatti baate laalla.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG