Xurree ittiin seenan

Dhiittaan Mirga Namaa Itiyoopiyaa Keessaa Haa dhaabatu Jedhu Jaarmoliin Mirga Namaa


Felix Horne, Ethiopia and Eritrea researcher at Human Rights Watch

Felix Horne, Ethiopia and Eritrea researcher at Human Rights Watch

Jarmayaan mirga namaaf falmu Amnestii Internaashinaal haala qabatamaa jiru ofii isaa bira ga’ee qorachuu baatuus namoonni 121 du’uu isaanii hanga yoonaa ragaa ka sirnaa hin taane isa dhaqqabuu beeksisee jira.

Hiriira mormii kana ijoolleen barattootaa sadarkaa duraa illee utuu hin hafin ba’anii mormii dhiyeessaa akka jirantu gabaasama. Hiriira kana eenyu akka qindeesse quba qabu yoo ta’e gaafatamanii Hojjetaa Amnestii ka ta’anii fi maqaan isaanii akka hin tuqamne kan fedhan tokko VOAf akka ibsanitti mootummaan akkuma kana dura bare adda Bilisummaa Oromoo, kanneen caasaalee hawaasaa irratti qabsoo finiinsaniif shorokeessotatu harka keessaa qaba jedha.

Gareeleen mormituu immoo kana kan qindeesse hin jiru paaritileen siyaasaas kana duuba hin jiran uummatumatu ofii isaa ka’e jedhu. Hojjetaan Amnestii kun ennaa dubbatan akka jaarmayaa keenyaatti kana duuba eennyutu jira isa jedhu hagas qorachuun barbaachisaa miti. Dhimmi inni ijoon hiriira mormii kana keessatti tarkaanfiin fudhatame madaalawaa dha moo miti? Ulaagaa seerri mirga dhala namaa lafa kaa’ame guute moo? cabse ka jedhu jedhan.

Eenyu iyyuu walabummaan mirga yaada isaa ibsachuu qaba. Yaada ofii walabummaan ibsuun immoo hiriira nagaa dabalata jedhan. Kana keessatti egaa itti gaafatamni humnoota mootummaa maali isa jedhu ilaalla jedhaniiru.

Itiyoopiyaa seennee qorannaa geggeessuuf eeyama hin qabnu garuu namoonni hagasii erga du’anii kaanis heddumminaan erga hidhamanii keessumaa hoogganoonni paartilee siyaasaa, gaazexeessonnii fi qabsaa’onni mirga namaa irratti qiyyaafatamee mana hdihaa keessa jiraachuun nuu gabaasameera jedhan hojjetaan Amnestii kun.

Kanneen hidhaman kun immoo sababaan qabamaniif mul’inatti hin ibsamne, akka seeraattis mana murtiitti hin dhiyaanne. Kana mara immoo akka dhiittaa mirga namaatti kan nuti ilaallu, Haalawwan kunis dhiittaan mirga namaa jiraachuu isaaf mallattoo dha jedhan.

Akka Amnestii Internashinaalitti gara naannolee Oromiyaatti sossootanii qorannaa akka hin geggeessineef waan ittisamtaniif mootummaan Itiyoopiyaa sababaa maalii kenna isa jedhuuf Itiyoopiyaa akka hin seenne kan dorkamne amma qofaa utuu hin taane bara 2011 qabee ti. Oromiyaa qofa utuu hin taane walumaa gala Itiyoopiyaa seennee qorannaa geggeessuu hin dandeenye. Xalayaa nuti barreessinuufis deebii nuu hin kennan. Amnestii ta’uu baatus qaamni walabaa tokko mirgi namaa kabajamuu isaa akka mirkaneeffatu koreen haala jiru qoratee adda baasu akkasumas dhiittaan mirga namaa jiraachuu akka qoratu yeroo filannoo bara 2005 uumamee ture.

Haa ta’u malee gabaasa isaan dhiyeessan harki isaa micciirame gabaasa qopheesse akka jijjiiru kan dirqisiisame miseensi koree qorannaa illee ture jedhan.

Dhiittaa mirga namaa yeroo ammaa itti fufee jiru dhaabsisuuf yaaliin ykn abdii maaltiitu jira isa jedhuufis mootummaa dhuma yeroo sana turetu ammas jira, kan kana dura raawwatameefis mootummaan tarkaanfii fudhate hin dhageenye. Gamaa keenyaan garuu dhiittaan mirga namaa kun akka dhaabatuuf hawaasa addunyaatti sagalee keenya dhageessisuu itti fufna jedhan hojjetaan Amnestii maqaan isaanii akka hin tuqamne fedhan kun.

Gama biraatiin immoo Jarmayaan mirga namaaf falmu Human Rights Watch ibsa baaseen Naannoo guddichi Itiyoopiyaa keessaa Oromiyaan master plaanii Finfinnee mormuu dhaan hiriira mormii guddaa geggeessaa jira. Humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin lubbuun namoota hedduu darbuu isaa illee qabsaa’ota wabeeffachuun ibsa baasee jria.

Ibsa HRW kana irratti suraan obbo Baqqalaa Garbaa guddatee maxxanfamee jira.

Human Rights Watch-tti qorataan dhimma Ertraa fi Itiyoopiyaa Felix Horne VOAf akka ibsanitti lakkoobsa namoota du’anii ilaalchisee hanga yoonaa gabaasi isaan dhaqqabe jira. Garuu qaamni walabaa biyyattii seenee qorachuu danda’uuf sabaa himaan dhuunfaa waan hin hin jiraanneef lakkobsa qabsaa’onni mirga namaa nuuf kennan of harkaa qabna.

Odeeffannoo argachuuf uggura jiru mara irraan kan ka’e akkasumas Itiyoopiyaa keessatti qorannaa geggeessuun rakkisaa ta’uu isaa irraan lakkoobsa mara adda baafachuun rakkisaa dha jedhaniiru.

Gama sabaa himaan gama hawaasa sivilii walaba gamas jiruun odeeffannoo argachuun rakkisaa dha. Lakkoobsi namoota du’anii kan nuti qabsaa’ota irraa dhaga’aa turre naannoo 140 ti. Kun vidiyoo fi suraalee caasaa hawaasaa irraa argame dabalata. Suraalee fi vidiyoon caasaalee hawaasaa irraa argame balaa bakka tokkotti raawwatame qofaa miti. Waliti qabamee ennaa ilaalamu humni hammaa ba’aan itti gargaaramuu isaa mul’isa. Tarkaanfii guddaa akkasiitiin lakkoobsa namoota du’anii sirriin kana jechuun garuu rakkisaa dha jedhan.

Horne Felix akka jedanitti nama ijoo hidhaman keessaa tokko hoogganoota kongresa Federaalawaa Oromoo keessaa kan ta’an Baqqalaa Garbaa ti. Obbo Baqqalaan qabsoon hookkaraan alaa akka geggeessamu qabsaa’aa nama turani. Kanaaf nama qabsoon karaa nagaa akka geggeessamu iyyataa turee hidhanii hookkara kana kakaase jedhanii himachuun qooda gad taa’anii uummati Oromoo yaaddoo inni qabu maal akka ta’e gaafachuu humnatti gargaaramuun mootummaa hedduu yaaddessaa dha jedhan.

Human Rights Watch ibsa baase Kanaan mootummaan itiyoopoiyaa Obbo Baqqalaa dabalatee hoogganoota garee mormituu haqa malee hidhe akka hiiku akkasumas humnootiin isaa humnatti gargaaramuu irraa akka of qusatan gaafatee jira.

Uummanni karaa nagaan mormii isaa akka dhageessisuuf eeyama akka argatu, qonnaan bultoonnis humnaan utuu gumaan hin baafaminiif akkasumas utuu hin mariisisin dachii isaa irraa buqqisuun haa dhaabatu jedha ibsi kun.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG