Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Doormii Keenya Cabsanii Nu Haleelan Jedhu Barattoonni Yuniversitii Wallaggaa


Yuniversitii Wallaggaa
Yuniversitii Wallaggaa

Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti kan argamu University Wallaggaa keessatti kaleessa galgala humnootiin mootummaa doormii ijoollee cabsanii seenuu dhaan barattoota reebanii kaan isaanii akka hamaatti miidhamanii hospitaala Naqamtee keessatti wal’aanamaa kan jiran ta’uu barattoonni nuuf ibsanii jiru.

Erga Roobii darbee qabee barattoonni mormii isaanii bifa hiriiraan utuu hin taane gamtaan walitti dhufanii gaaffii isaanii waajjira Prezidaantii Yuniversitichaatti dhiyeeffataa turuu dubbatu.

Halkan edaa humnoonni mootummaa mana ciisicchaa ykn doormii keenya cabsanii nutti ol seenuu dhaan nu reebanii barattoota kaan gamoo sadaffaa irraa gara lafaatti gad darbataa turan jedhi barattoonni kun.

Gaaffii mirgaa kan akka mootummaan kun siriitti uummata hoogganaa hin jiru nu irraa haa ka’u, hidhaa fi dararaan nu irraa dhaabatu, naannoon Oromiyaa waraanaan hin bulu kanneen jedhan dhiyeeffachuu keenyaan nu hiraarsuu jedhan. Himannaa barattootaa kana gama mootummaan deebii argachuuf gara itti gaafatamaa nageenya bulchiinsa godinaa Wallaggaa bahaa obbo Badhaasaa Goobanaatti bilbillee ani naannoo waanan hin jiraanneef odeeffannoo kanaa hin qabu jedhan.

Angawoota naannoo ka biraan deebii yoo nuuf kennan gaafachuuf gara Itti gaafatamaa qorannaa yakkaa fi Murtii Haqaa godina wallaggaa bahaa Kommandar Margaa Garbiitti bilbillee bilbila erga kaasanii booda deebisanii cufan.

Gabaasa guutuu dhageeffadhaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:01 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG