Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Sudaan KIbbaa Siivilota 114 Galaafatan: Tokkummaa Mootummootaa


Humnoonni Siiryaa Gondinaa Lolli Irraa Dhorkame Seenan: Angawoota Ameerikaa
Humnoonni Siiryaa Gondinaa Lolli Irraa Dhorkame Seenan: Angawoota Ameerikaa

Adoolessa bara 2016 fi amajjii bara 2017 gidduu yeroo jiru keessa humnoonni mootummaa Sudaan kibbaa deggeran yoo xiqqaate Siivilota 114 kanneen magaalaa Yei keessaa galaafachuu isaanii gabaasi tokkummaa mootummootaa beeksisee jira.

Gabaasi kutaa mirga namaa kan gurmuu tokkummaa mootummootaa Sudaan Kibbaa fi waajjira mirga namaa kan tokkummaa mootmmootaa kun ifa kan ta’e jimaata har’aa ti.

Akka gabaasa sanaatti siivilota utuu adda hin basin itti dhukaasuun ajjeesuu, saamicha fi qabeenyaa siivilotaa saamuu akkasumas dubartootaa fi durboota irratti yakka humnaan gudeeddiitu raawwatama.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti yakkawwan kun yakka waraanaa ykn yakka farra namoomaatti waan laka’amuuf qorannaa itti dabalaa barbaachisa.

Gabaasi sun akka jedhutti lolli sun kan ka’e humnootiin deggertoota mootummaa salva kiir ennaa isaan Riek Machar adamsanitti ture.

Yein warra kaan irra magaalaa naga qabeettii yo taatu uummata kuma 200 fi hanga kuma 300 gosoota adda addaa irraa ta’antu keessa jiraatu. Hookkarri ka’e garuu gosoota kana gidduutti adda addummaa uumee jira jedha gabaasi Tokkummaa mootummootaa.

XS
SM
MD
LG