Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezi., Naayjeeriyaa Mohaammaduu Buhaarii fayyaa dhabee ji’aan duratti akimiif Londonittiin dabran ammallee hin galle


Buhaariin ka gama bitaa kana.Barii kun 2015 gaafa innii UK dhaqee muummee minsitera biyya sunii gaafasii, Kaameroon wal arge
Buhaariin ka gama bitaa kana.Barii kun 2015 gaafa innii UK dhaqee muummee minsitera biyya sunii gaafasii, Kaameroon wal arge

Jaarsii ganna 74 Muhaammaduu Buhaarii tana waliin marroo wallaansaaf achitti dedeebi’e.

Akka gorsituun pirezidantii kanaa,Femi Adesina jettutti pirezidaantii Buhaariin ufi laaluuf dhaqee akka dansaa boqoachuu maltee jedhaniin.

Wannii ammatti ummata Naayjeeryaa yaaddessee muddamsiisaalleen hin jirtuu akka jecha gorsitu tanaatti.

Buhaarii Ammajii 19,2017 Londonitti dabree egii sunii footoo isaa malee innillee namatti gadi bahee hin mullanne.

Pirezidaantiin kun gaafa akimii dhaqee hujii tana itti aanaa pirezidaantiitti kennee deeme.Silaa torbaa lamaan duratti biyyatti deebihuu male.Taatullee waan pirezidaantii kana dhibee akimii geessaniif hin beenne.

Muhaammad Buhaarii bara 2015 hujii pirezidaantumaa tana jalqabe.Durii jeneraala waranaati.Suniin duratti ammoo mootummaa Naayjeeriyaa gara galchee bara 1983-haga 1983 biya bulchaa bahe.

Bara 2003,2007 fi 2011 keessa pirezidaanti tahuuf dorgomee dhabe.Bara 2014 itti deebihee dorgoee pirezidaanti Joonataan Gudlaak moohatee pirezidaanti tahe.

Seenaa Naayjeeriyaa keessatti pirezidaantii huji irra jiru dorgomee mohame Joonataan qofa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG