Xurree ittiin seenan

Breaking News

IHADEG Gaaffii Uummataa Hin Deebifne Jedhu Mormitoonni


Dr. Nagaasoo Gidaadaa
Dr. Nagaasoo Gidaadaa

Paartiin biyya bulchu IHADEG torbee ibsa kan baase wal ga’ii isaa idilee kan Hagaya 10-15tti jiru erga geggeessee booda. Waggoota 15n darban dameewwan adda addaa gama ilaaleen ba’ii ol aanaan galmeeffamuu isaa ibsee adeemsi itti aanu illee daran bu’aa kan qabaatu kallattii jijjiiramaa kana rakkoo jiru irraa ittisaii itti fufuun ta’uu ibsee jira.

Sirna demokraatawaa fi misoomaa sanatti danqaa kanneen ta’u keessaa aangoo mootummaa dantaa ofiif itti fayyadamuu akka ta’e ibsee, aangoon mootummaa kanneen irra jiran akka meeshaatti tajaajiluu ennaa jalqabu misooma jalqabametti gufuu ta’a, bulchiinsi gaariinis ni bada jedha ibsi sun.

Rakkoo yeroo ammaa uummata hiraarsaa jiruuf bu’uurri ijoonis isuma kana jedha. Kanaaf jecha aangoo mootummaa jireenya dhuunfaaf hundee akka ta’uuf itti gargaaramuu isa jedhu irratti tarkaanfii itti dabalaa fudhachuuf murteessuu isaa illee beeksisee jira.

Koreen hoji raawwachiistuu sun gama Kanaan ofii isaa irraa ka’ee yaada dhiphoo fi of tuulummaa akkasumas aangootti hirkatanii jiraachuu cimsee itti duuluu dhaan hojii akkasii ittisuuf karoora bal’aa lafa kaa’achuu isaa illee ibseera.

Uummati keenyas dogoggorri bakka adda addaatti mul’atu akka ittisamuuf qabsoo cimaa isaan geggeessan koreen hoji raawwachiistuu kan fudhate ejennoo jijjiiramaaf bu’uura jabaa ta’ee nu gargaaree jira jechuun illee beeksisee jira.

Ibsa sana attamiin akka hubatan angawaa IHADEG fi mootummaa gameessa duraanii fi hoogganaa garee mormituu yeroo ammaa obbo Gebruu Asraat akka jedhanitti ibsi koree hoji raawwachiistuu sun rakkoo biyyattii keessa jiru haala akkaan dhiphataa ta’eef haaluma bartameen kan ilaalee jedhan.

Paartiin biyya bulchu waa’ee rakkoo kanaaf furmaata kennuuf ibsa kana irratti kan inni turqe kan kana dura dubbateen gadii jedhu obbo Gebruun.

Akka jecha isaaniitti miseensonni hoji raawwachiistuu paartii biyya bulchuu wal ga’ii kana dura geggeessaniin rakkoo jiru isa ammaa irra cimsanii ibsuu yaalanii turan. Inni ammaa garuu hamma isa duraa hin ga’u. ibsi sun sochiiwwan mormii biyyattii keessatti ka’ee jiruuf illee deebii hin kennine jedhan.

Koreen hoji raawwachiistu IHADEG ibsi inni torbee baasee fi murtii inni dabarse haala biyyattii keessa jiru haala dhiphaa ta’ee fi baratameen kan xiinxale jechuu dhaan hoogganaan paartii mormituu fi miseensi koree hoji raawwachiistuu ARENA TIGRAY obbo Gebruu Asraat ibsanii ibsi sun gaaffii uummataaf deebii hin kennine jedhan.

Gama biraan Presidentiin Itiyoopiyaa duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa gaaffii uummataa kan yeroo ammaaf deebiin hatattamaah in kennamu yoo ta’e biyyattiin rakkoo hamaa keessatti kufuu malti jedhan.

IHADEG Gaaffii Uummataa Hin Deebifne Jedhu Mormitoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:10 0:00

XS
SM
MD
LG