Xurree ittiin seenan

Breaking News

“IHADEG Uummataaf Oolmaa Ooluu Yoo Fedhe Mootummaa Tokkummaa Biyyoolessaa Haa Hundeessu” Mormitoota


IHADEG Uummataaf Oolmaa Ooluu Yoo Fedhe Mootummaa Tokkummaa Biyyoolessaa Haa Hundeessu jedhan Mormitoonni (Suuraa Faayilii)
IHADEG Uummataaf Oolmaa Ooluu Yoo Fedhe Mootummaa Tokkummaa Biyyoolessaa Haa Hundeessu jedhan Mormitoonni (Suuraa Faayilii)

Hoonnganoonni paartilee siyaasaa hangi tokko haasaa prezidaantiin Itiyoopiyaa paarlaamaaf dhageesisan irratti yaada kennanii jiran. Tokkoffaan ba’ii qabsoo uummataa ti ennaa jedhan kaan immoo mootummaan yeroo dheeressuuf mala qopheesse jedhu. galma tarsiimoo qaba jechuun kanneen xiinxalanis jiru. hoogganoonni kun furmaata biyyattii ta’an kan jedhanis dubbataiiru. Jedha Meleskachew Ameha Finfinnee irra.

Pireesdaantii Itoophiyaa Obboo Mulaatuu Tashoomaa
Pireesdaantii Itoophiyaa Obboo Mulaatuu Tashoomaa

Fulbaana 30 bara 2009 prezidaantichi Itiyoopiyaa Dr. Mulaatuu Tashoomee haasaa isaan paarlaamaa biyya isaaniif dhageesisan ilaalchisuun VOAn hoogganoota paartilee mormituu adda addaa yaada akka kennan gaafatee jira.

Dura taa’aan kongresii federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa yaada isaanii ennaa kennan sadarkaa kongresichaas ta’e kan bulchiinsa Medrekitti gamaaggamni kamuu akka hin geggeessamin ibsaniiru.

Mormii ayyaana Irreechaa irratti, Onkoloolessa 2, 2016
Mormii ayyaana Irreechaa irratti, Onkoloolessa 2, 2016

Mootummaan tarsiimoolee afur lafa kaa’atee sosso’aa waan jiru fakkaata. Tarsiimoon inni duraa amma iyyuu humna ga’aan qaba. Sochii uummataa humnaan ukkaamsuu nan danda’a. kanaafi labsii yeroo hatattamaa kan labseef. Amma iyyuu humna kana hojii irra oolchu qaba. Akeekkachiisa, kana akka hin daganne jedhu uummataaf kennuu waan yaale fakkaata jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuudha kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG