Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa 31essoo bori jalqaban, tapha qaraa Gaabonii fi Giini Basawutti waliin taphata


Moubhibo of Congo challenges Emilio Nsue Lopez (L) of Equatorial Guinea, January 17, 2015. (REUTERS)
Moubhibo of Congo challenges Emilio Nsue Lopez (L) of Equatorial Guinea, January 17, 2015. (REUTERS)

AFCON,dorgommiin waancaa kubbaa miilaa Afrikaa bara 1957 Sudanitti jalqabe.Gaafas biyya sadiitti taphatee Masriitti moohe.Taphii amma ganna lama lamaan maree dhufu kun amma maroo 31esso keessa jira.

Tapha barana biyya Afrikaa gama Bahaa keessaa Ugaandaa qofatti keessa jira.

Biyya 16 guyyaa 23tiif marroo 32 taphata.Biyya hedduutti ijoollee isaanii kilabii biyya alaa keessa tapahtan yaammate.

Riyad Mahrez, Diedonnei Mbokani, Pierre-Emerick Aubameyang fi Mohamed Salah faatii warra dorgommi oowwisa jedhanii eegatan keessaa tokko.

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa bara 2015 keessaa Ayvoorii Koosti moote tana barana Gaabonitti qopheesse.Gaabon dandeettiin kubbaa miilaa isii dudda duuba jirti.Akka sadarkaa FIFAn kaahetti 108esso irra jirti.

Barana biyyootii hedduun taphattoota biyya isaanii kilabii EPL keessa tapahtan yaammate.Mee taphattoota shanan EPL keessaa yaammata tapha isaanii laalaa.

Ayiverii Kostitti-- kilabi Xaliyaanaa Seire A- Atlaanataa keessaa Franck Kessie yaammate.

DR Koongoo ammoo kilabii Ispeen Villarreal CF keessaa ilma isii Cedric Bakambu ergifatte.

Keita Balde Diao – kilabi Xaliyaanaa Laaziyoo taphataa Senegaalif tapachufu dhufe.

Jordan Ayew – ammoo biyya isaa Gaanaa tapachuuf kilabi Asotn Viilaa keessaa dhufe.

Biyyitii barana moote $m4 fi waancaa xaliyaanaatti hojajjtan badhaafamti.Tapha eennuu laaluu feetan?

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG