Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Oromoo Gabrummaan Guguraman-kutaa 4ffaa


“Bishoon bilisummaa ishee kan argatte yeroo donii Briteen seente otoo hin taane, yeroo cichaan barnoota ishee argatte dha” Dr. Neville Alexander
“Bishoon bilisummaa ishee kan argatte yeroo donii Briteen seente otoo hin taane, yeroo cichaan barnoota ishee argatte dha” Dr. Neville Alexander

Ijoollee oromoo waggaa 123 dura bara 1888 garbummaan gurguramanii booda Briteen walaba baastee bara 1890 gara Afrikaa kibbaatti ergite 64 keessaa tokko Bishoo Jaarsaa jedhamti.

Bishoo Jaarsaa
Bishoo Jaarsaa

Bishoon intala durbaa Dimbitii Bishoo Aleksaandar jedhmu godhatte. Dimbitiin immo ijoollee godhatte 6 keessaa Dr Neville Aleksaandar angafa.yeroo ammaa yunvarsitii keep Taawoon kan Afrikaa kibbaa keessatti projeektii “The study of alternative education ” jedhamuuf Daarekteera.

Sochii farra Apaartaayiid keessa waan turaniif jecha bara 1964 hanga bara 1974 jechuun waggootii 10..f odoola Roobiin keessatti Neelson maandeelaa fi Waalter sissiluu faa waliin hidhaman. Ergan hikamani boodas hanga bara 1979 jechuun waggootii 5f mana keessaa akka hin baane uugguramuun barsisuu illee dhorkamu dubbatan.

Dr. Neville Alexander
Dr. Neville Alexander

Bara 1979 booda barnoota Ga’eessotaa ykn “Adult education” keessa hojjataa ituun jiru bara 1992 jechuun waggootii 13 booda, yunivarsitii keep Tawoontti deebi’ee hojjataan jira jedhan Dr Aleksaandar.

Akkoo koo Bishoo Jaarsaa nama gaarii kabajaa guddaa qabduu fi nama amantii isheetti cichite turte. Yeroo qofaa ishee taatu ykn qofaa ta’uun ishee yeroo itti dhagaa’amu afaan eenyu keenyaaf hin galle tokkoon dubbatti. Afaan Oromoo akka ta’e nan beeka. Sababiin isaas dur biyya afaan kun keessatti dubbatamu irraa dhufte waan ta’eef jedhan. Akkoon koo Bishoon bara 1948 keessa duute. Yeroo sana nama uumriin 65 hin caaltu.

Bishoon dubartii gabrummaan gurguramtee booda walaba baate ta’u kan baran mana hidhaa keessatti ta’u ibsanii, kanas mana hidhaa keessatti jaallewwan koo qabsoo kan ta’an Nelson Mandeellaa fi Waalter sissiluu tti himee ni ajaa’ibsiifatan jedhan.

Iyyaafannaa waggootii dheeraa booda Bishoon akkoo koo ta’uu baruun koo, waan dinqisiisaa jireenya koo keessatti mul’ate isa guddaa ta’e.Suraa jiruus wal bira qabee ilaaleera.Akkoo koo ta’uu isheef shakkii hin qabu jedhan.

Anis ta’e harmeen koo Dimbitiin akkasumas akkoon koo Bishoo jaarsaa waan wal fakkaataa nuti qabnu barnoota jaallachu keenya jedhan Dr Aleksaandar. “Bishoon bilisummaa ishee kan argatte yeroo donii Briteen seente otoo hin taane, yeroo cichaan barnoota ishee argatte dha” jedhu Dr Aleksaandar.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

















Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG