Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Hidhattootan Murilleen Qabaman 19 Gad Dhiisaman


Faayilii - Dubartoota gosa Muruule meeshaa waraanaa moofaa jala ta'an, 2013
Faayilii - Dubartoota gosa Muruule meeshaa waraanaa moofaa jala ta'an, 2013

Hidhattoota gosoota Murilleetiin iggitamanii kanneen turan daa’imman kun kan deebi’an tattaaffii mootummaan Sudan kibbaa fi Itiyoopiyaa godhaniin deebi’uun isaanii beekameera. Ijoolleen kun Gambeelatti kan argaman ennaa ta’u kaleessa simannaan kan godhameef ta’uu bulchaan naannoo Gambeelaa obbo Gaatlwaak Tuut ibsaniiru.

Dubartoonnii fi ijoolleen iggitaman 125 yoo ta’an warren hafan dhimmi isaanii maal irra jira isa jedhuuf obbo Gatlwak ennaa deebisan: Kanneen hafaniifis hojiin diplomaasummaa ittuma fufa. Keessumaa yeroo ammaa bakka buutonni mootummaa Sudaan kibbaa kan gosoota Murillee David Yaw fi bulchaa kutaa Buumaa Babaa hojii ofii isaanii hojjetaa jiru. Naannoo isaanii keessaa hojii ijoollee sana walitti qabuu hojjetaa jiru jedhan.

Ijoolleen kun bittinnaa’an ennaa jedhamu maal akka ta’e obbo Gatlwak ennaa ibsan ijoolleen kun humnootii farra nageenyaa harka jiru jedhan. Hidhattoonni isaaniis naannoo warra murullee sana waan jiraniif ijoollee hafan gad dhiisiuuf marii irra jiru ijoolleen kun ni deebi’u jennee abdii qabna jedhaniiru. Humnoonni Itiyoopiyaa naannoo sana waan jiraniif ijoollee kana deebisiisuuf mariin diplomaasummaa eegaleera jedhu obbo Gatlwak. Hariiroo gaarii kan biyyoonni lamaan qabaniin dursinee hojii keenya cimsinee hojjenna ejjennoo jedhu qabna.

Mootummaan Sudaan kibbaa walii galtee agarsiisee jira. Kanaaf yeroo ammaa hojii gamtaatu hojjetamaa jira jedhan. Humnoonni Sudaan kibbaa fi kan Itiyoopiyaa waliin hojjetaa waan jiraniif rakkoon ka biroon utuu hin ka’in ijoollee kana bakka isaan jiranii walitti qabanii nuu deebisu jennee abdanna jedhan.

Gosa Murillee irraa kan ta’an itti aanaa ministeerri ittisaa sudaan kibbaa David Yaaw hojii diplomaasummaa hojjechuun nu gargaaraa jiru jedhan. Walii galtee gaarii agarsiisaa waan jiraniif bulchaa kutaa hidhattoonni kun keessa jiran Bumaa kan ta’an Babaan waliin ta’anii nu waliin hojjetaa jiru jechuu dhaan bulchaan naannoo Gambeelaa obbo Gaatlwaak Tuut ibsaniiru jedha Eskinder Frew Finfinneerra.

Ijoollee Hidhattootan Murilleen Qabaman 19 Gad Dhiisaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:22 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG