Xurree ittiin seenan

KFO: Hoggantoota Dh.D.U.O Hojii Irraa Ari'uun Jijjirrama Hin Fidu

  • Jaallannee Gammadaa

Muulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO

Muulaatuu Gammachuu, Itti Aanaa Dura Ta'aa KFO

Hooggana Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti gubbaa dhaa qabee hanga gadiitti gamaaggama marsaa duraa geggeessameen angawoonni 300 ta’an bakka isaanii irraa kaafamuu, kaan itti gaafatama irraa gad-buufamuu fi haala adda addaatiin ka murtiitti dhiyaatan tahuu Itti-aanaa Prezidaantiin Oromiyaa – Obbo Isheetuu Deessee Miidiyaa yokaan Sabaa-himaa biyya keessaaf ibsa kennuu isaanii, dheengadda gabaasnee turre.

Paartiileen mormitootaa, tarkaanfii kana akkamitti ilaalu? Jaallanneen, Itti-aanaa Dura-taa’aa Kongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu haasofsiistee jirti.

XS
SM
MD
LG