Xurree ittiin seenan

Breaking News

Viola Davis Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Badhaasa Oscar Badhaafamte


Viola Davis Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Badhaasa Oscar Badhaafamte
Viola Davis Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Badhaasa Oscar Badhaafamte

Sirna badhaasa Oscar kaleessa Hollywoodtti geggeessame irratti Viola Davis badhaasawwan hedduu ammaan duraa fi kaadhimamummaa Oscar hedduu dhaa booda “Best supporting Actress” ykn immoo taatoo deggertuu ol aantuu ta’uu dhaan badhaasamte.

Akka gabaasa Penelope Pouloutti Fiilmii “Fences” jedhu keessatti Lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa kan taate viola Davis dubartii abbaa warraa isheef dhaabattu, hir’ina isaa kan hubattu Rose Maxson ta’uun hirmaatte.

Murannoo dhaan cina isaa dhaabatti. Sanuma iyyuu boonuu dhaan. Abbaa warraa ishee akka salphaatti aaruu fi ilma ishee hamaa ta’e gidduu jireenya wal madaalsisuun jiraatti Rose. Nam fakkii abbaa warraa ishee ta’uun kan hirmaate Denzel Washington ennaa ta’u dubartii ka biroo irraa mucaa godhatee manatti fide, Isheenis sababa simachuun irra jiruuf utuu hin taane barbaaddee simatte.

Davis nam fakkii wal xaxaa ta’e fudhachuun kan hirmaatte yeroo jalqabaaf miti.

Viola Davis Badhaasa Oscar argachuun ishee kun garuu industriin fiilmii haala jireenya lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa bifa haaraan akka dhiyaatu taasise

Fiilmii ka biroon immoo kan “Moonlight” jedhama. Lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa Mahershala Ali gurgurtaa dawaa sammuu namaa adoochu irratti kan bobba’e nam fakkii nama Juan jedhamu ta’uun hirmaate. Juan ganda hiyyeeyyii Miami tokko keessa jiraata.

Fiilmii “Moonlight” keessatti Juan gurbaa haati isaa araada dawaa sammuu adoochu fudhattuuf daandii irratti gatte tokko fuudhee guddise. Mahershalan nam fakkii Juan ta’uun ennaa hojjete akka yakkamaas akka nama nama deggeruus ta’uun hirmaate.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Viola Davis Lammiin Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Badhaasa Oscar Badhaafamte
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:38 0:00

XS
SM
MD
LG