Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmaan Obbo Dibaabaa Ta Dubraa Fiigichaan Moohachumatti Jiran


Ijoolleen obbo Dibaabaa ta dubraa sadeen angafaa fi maandhaalleen, Ijjigaayyoo, Xirunesh fi Genzebee Dibaabaa mohannaa fiigichaan biyyattii addunyaa irrati beeksisumatti jiran.Obboleessi isaanii Derejjjee Dibaabaalleen akka obboleeyyaan isaa haga ammaaa addunyaatti beekkamuu baatullee fiiguutti jira.

Genzebeen eegii fiiguu jalqabdee amma ganna shan keessa jirti, gaafa diqqoottuu fiiguu aansite. Eegii sunii asitti akkanuma addunyaa fi biyya keessallee dorgommii fiigicha meetira 3000 fi 5000tiin badhaasa hedduu argatte.

Waa'ee obboleeyyan ishee waliin dorgomuu yoo dubbatu, yoo dubbiin fiigichaa dhuftee obboleeyyan jedhanii wanni dhiisan hin jirtu jirtu jetti Genzebeen.”Hojjaa irratti angafaa fi quxusuun hin jiru, yoo jarii na moohee jalaa hafe malee… hin dandeenneef jalaa hafe malee hin dhiisineef,”jetti.

Nama jabaa jabaati duuba jiraa jedhan,Genzebeen ammoo haga guddaa jabeenna fiigicha isiititi obboleeyyan ufii galateeffatti.Genzebeen barana qofa marroo sadii caalaa badhaafamte.Amma dorgommii Berliniif qophaahuutti jiri. Gaaffii fi deebii Genzebee Dibaabaa waliin geggeessine MP3 gama harka mirgaa jiru tuqaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG