Xurree ittiin seenan

Imaltuu Hamtuu Fi Baqattoota Gaanfa Afrikaa

  • Lisaa Shelaayiin

Bara 2011 keessa lakkoobsi baqattoota Afrikaa kanneen galoo galaana Edenii fi galaana Dimaa ce’uun yaman seenanii dachaan dabalu isaa dhaabni baqattootaa UNHCR gabaasee jira.

Yaman keessatti tasgabii dhabiinsi hammaatuun jiraatu iyyuu biyyoota gaanafa Afrikaa irraa kan ta’an baqattootaaa fi kanneen dahannaa siyaasaa gaafatan akkasumas lammiwwan biyya alaa kuma 100 fi kuma 3tu imala hamtuu keessa darbanii Yaman dhaqqaban.

Kanneen 103 ta’an immo wagguma darbe keessa galaanaan nyaataman.Lakkoofsi lammiwwan Itiyoophiyaa yaman seenan hedduu dabaluu isaa kan ibsan dubbi himaan UNHCR Adriaan Edwaards kanneen dinagdeef jecha biyyaa ba’an jedhamanii waan ilaalamaniif jecha Yaman keessatti haala hamtuutu isaan mudata jedhan.

Torban darbe lammiwwan Itiiyoophiyaa sadii namoota seeraan ala namoota deddebisaniin ajjefamuu isaanii Edwaardas ibsaniiru.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG