Xurree ittiin seenan

Guddina dinagdee addunyaa kan bara kuma lamaa fi kudha shaniif raagee ture Jaarmayaan maallaqa addunyaa (IMF) hanqisee jira


Jaarmayaa kanaaf hyyuu gameessa waa’ee dinagdee kan ta’an Maurice Ostfeld akka jedhantti guddina dinagdee addunyaa kan bara 2015 fi 2016 baatii Adooleessa darbe tilmaamamee tureen cina yeroo ilaalamuu 0.2% gad cabee jira.

Guddina addunyaa keessatti bara darbe argame dhibba keessaa harka 3.4 kan ture yoo ta’u bara keessa jirru 2015 harka 3.1% akkasumas bara dhufu 2016 harka 3.6% akka ta’u tilmaamamee ture.

Tilmaamni waggootii lamaaniif ka’ame kun amma garu 0.2 % gad bu’uu isaa walgahii peruu Limaa keessatti jaarmayaan kun gaggeesse irratti ibsamee jira.

Lakkoofsi tilmaamame hedduminaan kan keessatti kufe dinagdee reef guddataa jiran kan akka Braaziil, Naayjeriyaa, Afrikaa Kibbaa fi kan Raashiyaa ti.

Biyyonni boba’aa oomishan yeroo biyya alaatti ergatan gatiin kennamuuf gad bu’uun kufaatiin akka isaan mudatu godhee jira. Kanaafis Naayjeriyaa fi Raashiyaan fakkeenya gaarii dha.

Ostfeld akka jedhantti lakkoofsi jiru sadarkaa addunyaatti wal faalleesuun kun immoo biyyoota dinagdeen badhaadhanii fi kanneen dinagdeen isaanii reefuu lafaa ka’u giddutti abdii kutannaa uume.

Bara 2014 keessa guddinni dinagdee walii galaan argame harka 1.8% ture. Tilmaama guddinaa jaarmayaan maallaqa addunyaa bara 2015 lafa kaa’e harka 2.0% yoo ta’u bara 2016f immoo harka 2.2% ture. Kunis isa baatii Adooleessa darbe tilmaamamee ture irraa hanga tokko gad bu’ee jira.

XS
SM
MD
LG