Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angoo Mootummaan Sirritti Fayyadamuu Dhabuutu Hundee Rakkoo ti Jedhu Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi
Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi

Koreen hojii raawwachiiftuu IHADIG fi manni marii giddu galeesaa kan paartichaa walgahii eega gaggeessanii booda mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi Televiziyoona biyyatti irratti ibsa kennanniin IHADIG sirna Dargii yeroo kuffise uummataaf of kennuuf uummataaf jiraachuuf ture jedhanii amma garuu haallii jiru waan jijjirameef hoogganni jiru aangoon mootummaa attamitti hojii irra akka oolu hordofuu qaba jedhan.

Gaaffiin eenyummaa furmaata ituu hin argatiin turuu fi gaaffii daangaa irratti dubbatanii furmaata barbaaduun itti gaafatama bulchiinsootaa ta’e ituu jiru kana hojii irra oolchuu dhabuu irraa rakkoo uumameef itti gaafatamnii kanuma isaan ti jedhu.

Gama kaaniin kan mummichi ministeeraa dubbatan irratti yaada akka kennan kangaafataman mormiitonni yaada kennaniin akka waan uummata harkaa qabaniitti uummataaf hojjataa akka jiruutti dubbatame jedhan. Paartichii rakkoo uumuun malee furuun hin beekamu jedhanii jiru.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Angoo Mootummaan Sirritti Fayyadamuu Dhabuutu Hundee Rakkoo ti Jedhu Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:20 0:00

XS
SM
MD
LG