Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni kakuu Presidaant Baraak Obaamaa Har’a Raawwate


Presidaant Obaman white house keessatti guyyaa kaleessaa sirna kakuu wayita raawwatanitti haadha warra isaanii Mitchell Obama, intaloota isaanii Malia fi Saashaa akkasumas gareen gaazexeessotaa hagi tokko bakka argamanitti ture. Sirna kakuu presidentichaa kan geggeessan abbaa murtii muummicha Ameericaa John Roberts turan.

President Obamaan guyyaa kaleessaa guyyaa kaleessaa qabaniimarsaa lammataaf hoogganaa ta’anii itti gaafatama fudhataniiru. bulchiinsa isaanii waggaa shanaffaaf guyyaa jalqabaa ture.Akka carraa ta’ee guyyaan har’aa guyyaa yaadannoo Martin Luter King waliin wal irra oole.

Sirna kakuu presidaant Baraak Obaamaa
Sirna kakuu presidaant Baraak Obaamaa


Bara 1963 keessa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afiikaa qixummaan isaanii akka kabajamu gaafachuuf jecha uummata kurna kumaan laka’amantu Washington DC keessatti hiriira nagaa guddaa geggeessan.

Hagaya 28 bara 1963 hiriira guddaa geggeeffame kana irratti uummati argame ni moonaa, guyyaa tokko ni injifanna jedhanii harka wal qabatanii faaruu dhageessisaaa turan.

Qabsaa’aa mirga namaa fi hoogganaa hiriira sanaa kan ta’an Martin Luther king jamaa alitti qabameef haasaa seena qabeessa kan abjuun qaba” I have a dream” jedhu dhageessisan.

Guyyaan guyyaa sirni kakuu presidentii itti raawwatu kun guyya presidentiin hojii itti eegalu. Presidentichi akka filatamaniif sagalee kan kennes haa ta’u kan hin kennin presidentiin filatame kan biyya hoogganu isa kana jechuu dhaan mul’inatti guyyaa itti
simatu.

Gabaasa addaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:45 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG