Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Haleellaan Waraana Waltaatotaa Sadaasa Keessa Siviloota Hedduu Ajjeesuu fi Madeessuu Yunaaytid Isteets Dubbate

Haleellaa gamtaa humnoota waraanaa jalqaba baatii Sadaasaa dabre, Afgaanistaan gama Kaabaa keessatti geggeessameen, haala gaddisiisaa ta’een, Siiviloonni lammiwwan Afgaanistaan 33 ajjeesamuu fi 24 madeessamuu, Yunaayitid Isteets har’a beeksistee, haala haleellaa sanatti geesses ibsitee jirti.

Kutaa Kunduuz, magaalaa Booz keessatti haleellaan geggeessame sun, manneen kurna hedduu biyyootti make – jedhan – jiraattonni fi reiphxee-loltoonni garee Taalibaan.

Akka aangawoonni Afgaanistaanii fi Yunaayitid Isteets jedhanitti, haleellaan waraanaa gamtaan geggeessame sun – hoogganoota riphxee-loltoota Taalibaan, kanneen bulchaa kutaa Kunduuz qabuuf shira hookkaraa xaxaa turanitti xiyyeeffatee kan geggeessame ta’uu dubbatu.

“Humnoonni Yunaayitid Isteets, hoogganoota Taalibaan, kanneen manneen uummata Siivilii dahoo godhachuun nutti dhokaasan of irraa deebisuuf akkasumas humnoota Afgaanistaan irraa deebisuuf, dhukaasan” jedhe – waraanni Yunaayitid Isteets, ibsa har’a kenneen.

XS
SM
MD
LG