Xurree ittiin seenan

Breaking News

Istaambuul Dandamachaa Jirti


Haleellaa gahe booda alabaan biyya Turkii gadi siqee fannifame. Istaambuul, Waxabajjii 29, 2016.
Haleellaa gahe booda alabaan biyya Turkii gadi siqee fannifame. Istaambuul, Waxabajjii 29, 2016.

Kibxata kaleessaa galgala jechuun Waxabajjii 28 bara 2016 dirree xayyaaraa sadarkaa addunyaa Ataaturk kan magaalaa Istaambuul irratti haleellaa of wareegdoonni dhaqqabsisaniin ammaaf namnii 41 ajjefamanii kanneen biroon 240 madaa’uu gabaasaaleen sabaa himaa ibsanii jiru.

Dirreen xayyaaraa Ataaturk har’a waaree dura hojii isaa kan itti fufee yoo ta’u aangawoonni biyyatti haleellaa kanaaf garee hidhatoota Islaamiik Isteetest himataa jiru. Kanaafis haleellaa kana balaaleffachuun hanga shoroorkeessummaa xumuraan geenyuutti irratti bobbaana jechuun dhaadatan.

Balaa kana of-wareegdoota sadiitu harka keessaa qaba shakkiin jedhu akka jiru kan ibsan gabaasaaleen adda addaa garuu Balaa kanaaf ammaaf itti gaafatama kan fudhate garuu hin jiru.

Istaambuul fi naannoosheetti Barnoota Doktorummaa ykn pii ech Dii (PHD) waggaa sadaffaa hojjataa kan jiran obbo Abdulaaziz Shafi Abdulaahi haala ture ibsanii jiru.

Istaambuul Dandamachaa Jirti
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:01 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG