Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiyyummaa Fi Itiyoophiyaa


Biyyoota Afrikaa Iyyeeyyii keessaa tokko ka taate Itiyoophiyaan beela dhabamsiisuuf tarkanfataa jirti. Biyyattii keessatti, heddumminni uummataa baay’ee dabalee, gatiin waa bittaa baay’ee qaala’e iyyuu hiyyummaan biyyattii keessaa sadii keessaa harka tokkoon gad-bu’ee jira - jedhama.

Aangawoonni Ministrii Maallaqaa Itiyooophiyaa, Jimaata dabre kana, Jaarmayaalee arjoomtotaaf ibsa kennaniin uummata Itiyoophiyaa miliyoona saddeettama keessaa daangaa Iyyumaa keessa jiran miliyoona 25 tahuu dubbatu. Otuma heddummaachuun uummataa waggaatti dhibba irraa fharka lamaa fi walakkaa tahee jiruu lakkoobsi hiyyeeyyii bara 2004 ture irraa milyoona afuriin gad-cabuu agarsiisa - lakkoobsi Jimaata himame sun.

Qaala’uun gatii bittaa ka yeroo ammaa dhibba irraa harka 35 ka dabalee jirtu tahe iyyuu Ministarri Maallaqaa fi Guddina Misoomaa Abrahaam Tekestee “Hiyyummmaan biyyattii gad-cabuun kun tarkaanfii guddaa dha” jedhu.

Ogeeyyiin dinagdee, ka sadarkaa Addunyaa -- Gad-bu’uun lakkoobsa hiyyummaa Itiyoophiyaa keessaa kan nama jajjabeessu jedhan iyyuu Baankii Addunyaatti, Direktorri Damee Itiyoophiyaa Guwaang Cheen gatiin bittaa qaala’uun, tarkaanfii kana akka boodatti harkisu dubbatu.

Dhimma Afrikaa keessaa Hiyyummaa hanqisuutti ogeettiin dinagdee gameettiin, ka Baankii Addunyaa Chorching Goh lakkoobsi hiyyummaa Itiyoophiyaa keessaa ka baroota dabre irraa gad-bu’uun gammachiisaa tahe iyyuu lakkoobsa Istaatistiksii baay’ee gad-aanaa irraa ka madde tahuu dubbatu.

Galmee guddina namoomaa, ka biyyoota akka sadarkaa jireenyaa isaaniitti tarreessu ka bara 2001 irratti Itiyoophiyaan biyyoota 187 keessaa 174 irratti argamti. Waggaa kudhan dura immoo, biyyoota 163 keessaa 159ffaa irratti argamti. Kana irraa kaanee ennaa ilaallu baay’ee fuul-duratti hin tarkaanfanne, jedhu. Akka Goh jedhanitti, giddu-galatti galiin waggaa ka nama Itiyoophiyaa tokkoo Doolaara dhibba afur qofa.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG