Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa keessatti Gatiin Gar-malee Ol Ka'e


Itiyoophiyaa keessatti gatiin mi'a nyaataa, ka waggaa dabre irraa gara dhibba irraa harka shantamaan dabale. Lammiwwan galii giddu-galeessaa qaban illee, maatii isaanii nyaachisanii jiraachuun itti ulfaataa jira.

Gabaawwan biyyattii keessatti namoonni mu’atan -- fuulli isaanii gaddaan dukkanaa’ee mul’ata. Garuu, dubbachuuf fedha hin qaban. Ka waa bitachuuf gabaa bahe -- namni “Gerremew”n jedhama, jedhu tokko Qarshii Itiyoophiyaa hidhaa guddaa tokko baatee, mi'a nyaataa guuboo xiqqoo tokko hin guutne gabaa bahuu isaa dubbata dubbata.

Walakkeessa Finfinneeii suuqii mi’a nyaataa keessaa kan hojjetu Mansuur Mohammed immoo wantoonni baay’ee barbaachisoo tahan, kanneen akka zayitii nyaataafaa gatiin isaanii baay’ee dabaluu irraa kan ka’e, namoonni gatii rakasaa kan akka zayita meexxii faatti fuula deebifachuu dubbata.

Dhaabbatni Istaatistiksii akka jedhutti gatiin geejjibaa fi kiraan manaas bara dabre irraa dhibba irraa harka afurtamaan dabale. Mootummaan akka gatiin boba’aa gad-qabu waadaa seenaa ture iyyuu gatiin gaazii qaruuraan yokaan liitirri tokko qarshii digdamii-tokko tahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG