Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaa Keessatti Dhukkubii Koleeraa Lubbuu Galaafate


Dhukkubii Koleeraa Lubbuu Galaafate
Dhukkubii Koleeraa Lubbuu Galaafate

Bulchiinsa naannoo somaalee kan Itiyoophiyaa keessatti namoonni kudhanii ol ta’an dhukkuba Koleeraan du’u gabaasaaleen ibsanii jiru.

Jiraattonni kutaa Waardeer akka jedhanti namoonni 700 koleeraan qabamanii hospitaala jiru.Gama kaaniin Kutaa Qabrii dhahaar keessattis dhukkubii kun ka’uun ibsamee jira.

Jiraattoota keessaa aaddee Rooda Haaji Faraah firoottan isaanii keessaa 5 dhukkubsachuu fi dhukkubichii erga ka’e guyyaa sadaffaa ta’u ibsan. yeroo ammaa moo harmee koo fi ijoollee koo lamaan qabaman gargaaraan jira jedhu.Kana malees Doktoroonni namoota koleeraan qabaman 700 akkasumas kannen du’an 30 galmeessanii jiru jedhanii, dhukkubichii koleeraa ta’u Doktorrotatu dubbate jedhan.

Gama kaaniin konyaa somaaliilaand kan Buuhoodle jedhamtu keessattis namnii 9 dhukkuba Koleeraan du’uun ibsamee jira.Daayreekteerri ministrii eegumsa fayyaa Abiib Adam Nur akka jedhanti namoonni 31 koleeraan qabamanii Hospitaala seenanii jiru.

Buuhoodlen Itiyoophiyaa waliin akka wal daangeessitu kan ibsan Nur sochii daangaa ce’uun gaggeeffamuun dhukkubii kun dhufe jedhu.

Knaaf jecha Somaaliilaand weerara dhukkuba koleeraa ittisuuf jecha daangaa ishee cufuu beeksisanii jiru.

XS
SM
MD
LG