Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoopiyaan Gola Naga Eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Keessaa Teessuma Argatte

Filannoon kun wagoota 26 keessatti yeroo jalqabaaf Itiyoopiyaan gola naga eegumsaa keessaa bakka argachuu ishee mul’isa. Itiyoopiyaan erga bara 1945 qabee yeroo lama barcuma sana kan argattee si’a ta’u amma Bolivia, Kazakhstan fi Swedinitti dabalamuu dhaan Amajjii 1 bara 2017 barcuma sana qabachuuf jiru.

Waggoota lamaaf gola naga eegumsaa keessaa bakka argachuun gochaa gaarii hojjetameef badhaasa kenname utuu hin ta’in badhaasa politiikaa ti jedhan Human Rights watchitti itti aanaa dicertora kan ta’an Akshaya Kumar. Nuti akka qabsaa’ota mirga namaatti kan nuti yeroo tokko tokko arginu, jechoota mootummaan kun yeroo filannoo fayyadamuu fi akka miseensa gola naga eegumsaatti waan isaan waadaa seenan carraa filannoo kanaatti fayyadamnee akka irratti fuuleffatamu gochuu barbaanna jedhan.

Ministeerri dhimma alaa Itiyoopiyaa Tedroos Adhanom akka jedhanitti filannoon kun kan agarsisu biyattiin addunyaa biraa kabajaa fi amantaa qabaachuu ishee ti.

Shorokeessummaatti duuluuf dhimmootii koolu galtummaatti qiyyaafata kennuun kan Itiyooopiyaan durasa knnituuf keessaa ti jedhan.

Filannoon kun wagoota 26 keessatti yeroo jalqabaaf Itiyoopiyaan gola naga eegumsaa keessaa bakka argachuu ishee mul’isa. Itiyoopiyaan erga bara 1945 qabee yeroo lama barcuma sana kan argattee si’a ta’u amma Bolivia, Kazakhstan fi Swedinitti dabalamuu dhaan Amajjii 1 bara 2017 barcuma sana qabachuuf jiru.

Jalqaba baatii darbee gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch dhiittaa mirga namaa walii galaa kan biyyattii keessaa kan ibsu gabaasa bal’aa baasuun ni yaadatama.

Akka gabaasa sanaatti hiriirtonni mormii 400 ol kanneen naannoo Oromiyaa keessaa humnootii naga eegumsaa Itiyoopiyaan ajjeefamuu fi kanneen kurna kumaan laka’aman erga mormiin sun eegale bara 2015 qabee hdihaa keessa jiraachuu ibse..

Mootummaanis haala mormii Sanaa gad xiqqeessee himuu dhaan akkasuams tarkaanfiin humnaa fudhatame xiqqoo ta’uu ibsee, humnootiin mootummaa hookkara ka’e qabbaneessuuf deebii kennan jedhe. HRW garuu itti dhiyeenyaan hordofuu dhaan hiriirri mormii sun kan nagaa ta’uu qorannaalee baatilee saddeettan darbe geggeessee ba’ii argateen beeksisee jira. Gabaasa sana namoota miidhaan irra ga’e 125, kanneen ijaan arganii fi angawoota mootummaa dubbisuun dhiyeesse.

Human rights Watch yaadi Itiyoopiyaan kennite kun hoogganaa haaraan biyyattii waltajjii tokkummaa mootummootaatti ennaa ba’an kanatti biyya isaanii keessatti mrigi namaa eegamuuf tarkaanfiin attamii akka fudhatamuu mirkaneeffachuuf kan hojjetu ta’uu beeksise.

Itiyoopiyaan Gola Naga Eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Keessaa Teessuma Argatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:57 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG