Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan humna ibsee MegaWatt 5250 Abbaayaa irratti hojjatachuutti jirti.


Itoophiyaa fi Masriin bara dheeraaf waan laga Abbaayaa irratti waan hedduu waliin jechaa bahan.Seerii bara dheeraan duratti Great Britan Masrii waliin mallatteessite akka Masriin bisaan laga kana irraa qooda guddaa qabaattu tolche.

Biyyitii lagii Abbaayaa keessa bahee dabru haga kurnyaa tahan laga kanaa walqixxee qoodachuuf jedhanii barana mari’tanii haga guddaan walii galan.

Muummeen minsitera Itoophiyaa,Melles Zeenaawwiilleen yoo dhiyoo tana waan hujii biyyitii isaanii hojjattuu tana dubbatan, Itoophiyaan akka Suudanii fi Masriilleen hujii haroo laga Abbaayaa irraa quuqaa hin qabaannee hojjannaa jedhan.

Obbo Alamaayyoo Taganuu,Minsitera Bisaaniiti fi Inerjii Itoophiyaa ti.Itoophiyaa ganna 5-6n dhufaatti laga Abbaayaa gama naannoo Binishaangul Gumuziitiin haroo humna ibsee baaftu,jaartee hujii isii haga guddaan humna ibseetiin hojjachuuf qophii jiraa jetti jedhu.

“Fedhiin Itoophiyaa hiyyummaa keessaa bahuu,haga ammaatti humna ibsee Megawatt 2000 caaluun hujii gara garaa hojjachuutti jirra.”

Tana irratti hujiin“Millennium dam” Haroo Bara-dhibbee jedhanii Itoophiyaan hojjachuutti jirtu irratti,humniti ibsee Megawatt 525o dabalamnaan warshaa hedduu fi karaa baaburaa galchuu dabalee waan hedduutti hojjatama jedhan.

Mee MP3 tana irraa waan marii Haro laga Abbaayaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG