Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Gargaarsa Misoomaa Dolaara Miliyoona Lama Briteen Irraa Argatti.


Waggoottan afran dhufan keessatt Itoophiyaan Briteen irraa gargaarsa misoomaa dolaara biliyoona lama argatti.Itoophiyaatti dura taa'aan sagantaa gargaarsa Briteen Haawaard Teeloor akka jedhanitti barbaachisummaan gargaarsa kanaa kan hundee godhate ragaa guddina Itiyoophiyaan yeroo dhiyoo keessatti fidde irratti hundaa'uun akka ta'e ibsan.

Mummichi ministraa Itiyoophiyaa Mallas Zenaawwii akka jedhanitti diinagdeen biyya isaanii waggoota 7 keessatti waggaa waggaatti harka10 ykn isaa ol guddateera.Dhaabileen guutummaa adduyaa garu mala ittiin herragame kana shakkuun gaaffii keessa buusu.

Teeloor akka jedhanitti qoranoon yaroo dhiyooa kan muul'isuu gargaarsii Itoophiyaan argachaa jirtu kan ishee barbaachisu irraa gadii yoo ta'u gargaarsichii biyyoota Afrikaa kan hafan waliin walcinaatti yoo ilaallamu galiin nama dhuunfaa walakkaa gadi.

Filannoo biyyoolessaa bara 2005 Itoohpiyaatti gaggeeffameen motummaan mormitoota waan ajjeessef biyyoonni gargaarsa kennan hamma tokko hirisanii turan.

Yniversitiin Oxfordi fi dhaabbanni Tokkummaa Mootummootaa madaallii hiyyummaa ilaalchisuun gabaasaa baassaniin Itoophiyaan addunyaa irratti hiyyummaadhaan Niijeritti aantee lammafaadha.

Briteeni fi gamtaan Awuroppaa gargaarsa guddaa kan kennan yoo ta'u Yunaaytiid Isteetes bara 2007 eegale adda durummaan waggaatti doolaara biliyoona tokko caalaa kennite.Yeroo kana keessattis gargaarsa ittisa beelaa fi hiri'ina midhaan nyaataatiif kan oolu dabalatee doolaara biliyoona 1.5 caalaa kennite jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG