Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaatti Seerii ‘Biyya Tokko! Amantii Tokko !Jedhu Hin Jiru,'Obbo Melles


Muumeen Minsitera Itoophiyaa, Meles Zeenaawwii dubbii paarlaamaa isaanii irratti dubbate keessatti, seerii Itoophiyaa ka amantii tokko biyya tokko jedhu hin jiruu jedha.

Waan obboo Meles akka fakkeennaatti fudhate keessaa waan namii amantii Ortodoksii jila Ximaqataa irratti ‘amantii tokkoo biyya tokko’ jedhee barreeffatee yaahe irratti.Seerii Itoophiyaan bultuun akka obbo Melesitti mootummaan amantii keessa hin seenuu abbaan fedhe waan fedhetti amanuu dandaha.Tanaafuu amantiin tokko qofti jiraachuu hin dandeettu.

Gama kaaniin ammoo akka obbo Melesitti namii hagii tokkoo amantii maqeeffatee biyya keessati dhiba buusuu fedha.Fkn gama amantii Musliimaa keessaa Selefii,amatiin damee Baalee fi Arsiitti haga guddaan mullatte.Akka obbo Melesitti jara kana keessaa cuftinuu Al-Qaayidaa jechuu baatanillee namii hagii tokkoo hujii Al-Qaayidaan hojjatu hojjata.

Obbo tana malee yoo waan qonnaan bultoota naannoo kibbaa aanaa Gurra Fardaatii godaansianii irratti deebii kennetti deebiin bulchiinsii godina Beenchii Maajii kennee qajeeltuu jedhu.

“Yoo laftii misoomte jiraatte deemanii misoomsuun qajeeltuu taatullee baddaa ciranii balleessuun seeraa miti jedhu.”

Namii akka ummatii Amaaraa badu ykn naannoo kibbaatii balleessan tolchelleen hin jiru jedhu. Woma taateefuu paartileen maqaa kanaa akka waan ummata tokko hadhanii balleessanii dubbatan fakkeessan seera malee dubbtan.

Paartileen Amaaraa ta akka Mehad faan ammoo warri umamta baqachiisee seeraan gaafatamuu malani jedhu.

MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG