Xurree ittiin seenan

Hoji-geggeessaan Hospitaala Bishooftuu Waa’ee Dhuminsa Guyyaa Irraachaa Maal Jedhu?

  • Jaallannee Gammadaa

Hoggantoonni Hospitaala Waliigalaa Bishooftuu ibsa oggaa kennan

Hoggantoonni Hospitaala Waliigalaa Bishooftuu ibsa oggaa kennan

Dilbata Onkolooleessa 2 bara 2016 kan Bishooftuutti kabajamuuf ture ayyaannni Irreechaa danqamuun isaa ni yaadatama. Guyyaa sanattis uummanni ituu baqatuu boollatti naqmee du’u isaa fi maatiin nama lubbuun jiru ergan, kan reffa isaanii simataa jiran ta’uun gabaafamaa jira.Dhaabni mormituu Kongreesni Federaala Oromoo namni 678 ayyaana Irrechaa kana irratti du’uu beeksisee jira.

Hospitaalli Bishooftuu immoo reeffa nama 55 arguu isaa fi namoota ka biroo 100 ta’an, kanneen baayyeen isaanii qilleensa dhabuun ukkaamamanii turan wal’ansa fayyaa kenneefii gaafuuma sana mana isaaniitti erguu isaa dubbata.

Namoonni mada’an ka biroon lama caba lafee isaan mudateef wal’ansa sadarkaa ol’aanaaf gara Hositaala Finfinnee kessaatti ergamu isaanii illee ibsee jira.K biroon lama immoo hanga kaleessa Roobii Onkolooleessa 05 bara 2016tti wal’anamaa eega turanii booda ba’aniiru jedhee jira.

Waa'ee Kansa fika biroo irratti gaaffiilee ka’anii fi marii geggeessame kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa.

Kophee namoota ayyaana Irreecha baranaa irratti hirmaatanii hala ummamen hurufatti hafe, Bishooftuu, Oromiyaa, Onkoloolessa 2, 2016

Kophee namoota ayyaana Irreecha baranaa irratti hirmaatanii hala ummamen hurufatti hafe, Bishooftuu, Oromiyaa, Onkoloolessa 2, 2016

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG