Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ittisi Laga Nashee Guutee Jireenya Uummata Naannoo Raase


Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aanaa Abbaay Coommanii fi aanaa Horroo gidduutti, madda humna eletrikiif ka dhiheenya ittisame yokaan hidhame, bishaan laga Naashee guutee qonnaa, horii fi manneen qonnaan-bultoota naannoo mancaasuutti jira jechuun himatu, qonnaan-bultoonni aanaalee lameenii.

Maatiin isaanii kudha-saddeet tahuu ka Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan, jiraataan ganda Shaayaa Igguuu, Obbo Soorii Urgoo "lagi sun akka barana cufamu otuu dursamee nutti hin himamiin waan cufameef, kanuma al-tokkotti ka bishaan nu irra bahe argine" jedhu. Isaan irraa qofa, qotiyyoota cimdii tokko, dorrobaa tokko, dibicha tokko, gaangee fi farda dabalatee walumaa-galatti horii toorba ka jalaa nyaate tahuu dubbatan. "Bishaanichi guutummaa mana koo dhuunfachuuf meetira kudha-shan qofa tu hafe" jedhu, Obbo Sooriin. Gandaa isaanii keessa qofa ka rakkoo kanaaf saaxilaman, abboota-warraa dhibba saddeetii fi shantama tahuu illee ibsanii jiran.

Biiroo Qabeenyaa Bishaanii Oromiyaatti, Geggeessaa hojii, ofeeffannoo fi Quunnamtii-uummataa ka tahan, Obbo Kabaa Mekonnin immoo himannaa qonnaan-bultootaa kanaaf deebii kennaniin, “Abbaan-warraa, naannoo kuusaa laga Nashee sana jiru gara kuma tokkoo fi dhibba tokkoo fi soddomii sadii ti. Kanneen keessaa, ganna kana, bishaanichi naannoo isaanii, iddoo qonnaa isaanii fi mana jireenya isaanii dhaqqaba jedhamee ka yaadamu gara Abbaa-warraa dhibba afurii fi kudha-toorbaaf iddoon qubannaa ijaaramee dhibba irraa harka 50 xumuramuu isaa, torban dabre hubadheen jira. Beenyaanis kafalamaafii jira. Haga ammaatti, Miliyooniin kudha-lama kafalameefii jira,” jedhan.

Garuu, qonnaan-bultoonni akka beenyaas birmannaa hin argatiin dubbatu. Lammata immoo qotee-bulaaf jireenyi isaa lafa isaa ti. Maallaqaan otuu hin taane, qabeenya lafa irraa argatuun jiraata. Kana dhabee, manni isaa yoo buqqa’e, ijoolleen isaa yoo bishaaniin fudhataman akkamitti jiraata? gaaffii jedhuuf ennaa deebisan immoo, "hojii misoomaa kana keessatti rakkoon dhufuu malu dursamee yaadamee, qophiinis ka raawwachaa jiru tahuu isaa hubachiisuun barbaada miidhaan haga ammaatti dhaqqabe akkan dura ibse harree tokkoo fi hoolota sadii akka tahe ragaa qabatamaa tu jira. Bishaan guute inni jedhu dhugaa dha. Sababaa bishaan guutame sanaaf hawaasa jiraataa iddoo sanaa iddoo qabameef qubachiisuuf sochii bal'aa tu jira " jedhan.

Guutuu qophii kanaa fuula kana irra gama harka mirgaa ka jiru MP3 tuqaa dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG