Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jecha Oromoo naannoo akka akkaa qabaachuun faaya guddinna afaan Oromooti


Toon Leus nama Holland ka bara dheeraa Boorana taahee, aadaa baratee eegee ammoo nama aadaa barsiisu tahee jiraate.Boorana,Dhaddiimitti mana barumsa Kaatolikii miilota isaanii waliing argaaraa baheKitaaba lamaan namii kun baase keessaa tokko Borana dictionary,afaan Oromootii fi ka Ingiliiziin wal keessaa barreeffame,ka lammeessoo ammoo Dictionary of Borana Dictionary jedha, jecha qofaa mitii aadaa fi mammaaksa dabalee waan hedduu qaba.

Akka obbo Taammanaa Bitimaa,barsiisaa aadaa fi afaanii ka University Germanitti,fkn aabba Tooni waan guddoo.

“Ani bara dheeraan duratti lafa jarii kun jiraatu dhaqee hujii isaanii arge..Toon Luis aadaa guddoo hojjate…namilleen hujii isaa baayyee jaalateef..tanaaf akkana faarsa.”

Kuusaan jechootaa Toon Luis kun fkn jecha tokko jechaan hiikuun qofaa mitii,hujii isaalleen walumaan dubbata.

“Toon Lusi aannan jedhee aannan tahu isaa qofatti bira hin darbu,waan aannaniin hojjatanillee dabalee barreessee…baayyee baayyee namatti tolaa…afaan Oromo nu malee womaa hin qabu,” jedhu obbo Taammanaan.

Kuusaan jechootaa aabbaa Toon ka lammeessoo fuula 709 qabu ka AADAA BOORANAA jedhee bahe kun bara 2007 keessaa bahee.Abbaan kitaabaa kana Ton Leus Cynthia Salvadori waliin barreesse kana eegii baaseen duubatti lubbuu dhabee,kitaaba kana keessaa lubbuu dhabee biyyeen sii sabladhinna jenna.

Obbo Taammanaan waan kitaaba kanaa www. Gadaa.com,www.ayyaantuu.com fi waan akka akkaa irratti baase.

Mee waan nu obbo Taammanaa gaafanne lamaanuu Mp3 irraa nu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG