Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggaa 50ffaa presidaantiin Ameerikaa duraanii John F KennedynItti ajjeefaman yaadatamee oole


Qorarannaa hawaa geggeessuun ilaalcha duraa kan president John Kenndy ture.

Jalqaba irratti akeeki merkurii qorattoonni hawaa keessa akka socho’an taasise. San boodas namni yeroo jalqabaaf ji’a irra akka eggetu dandeessisee jira.

Katleen Kennedy intala obboleessa John Kennedy kan robert Kennedy ti. Milkaa’ina John kennedy akkas jechuun ibsan.

Dhimmi isaa maalan iraa argadha? oolmaa maalii soof oolu isa jedhu utuu hin taane, hojichi hojii ulfaataa waan ta’eef hojjetamuu qaba isa jedhu.

Namni ji’a irra akka deemu dandeessisuun ulfaataa dha. Kanaaf injineroota waan hin danda’amne akka danda’amu gochuu qabna jedhan qabna. Sana yoo goone qormaata keessa hin dabarre hin qabnu yaada jedhu sammuu lammiiwwan Ameerikaa keessa kaa’e.

Presidenti Kennedyn yeroo aangoo irra turanitti lammiiwwan America hidda dhalata Afriikaa baraoota isaan qabsoo mirga namaa itti finiinsan ture. Presidentichi ajjeefamuu isaanii baatilee haga tokko dua kongresiin US seeraawwan mirga namaa akka baasan dhiibbaa gochaa turan.

Gaaffiin fuula keenya dura jiru gaaffii namummaa ti. Gaaffiin kun akka barreeffama dheeraa kan ture si’a ta’u heera Ameerikaa irras taa’ee jira. Bu’uurri isaa lammiiwwan Ameerikaa mirgaa fi carraa qixxee ta’e haa argatan kan jedhu jedhan kennedyn.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:48 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG