Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan dorgommii AFCON 2017 dhiyootti jalqabaniif taphattoota hedduu alaa yaammatte dirree Gaabonitti walti yaa'uutti jirti


Johann Obiang (dura) taphataa Gabonitti taphataa Burkiinaa Faasoo, Jonathan Pitroipa irraa kubbaa buufachuuf hadha.Ammajii 17,2015 (REUTERS)
Johann Obiang (dura) taphataa Gabonitti taphataa Burkiinaa Faasoo, Jonathan Pitroipa irraa kubbaa buufachuuf hadha.Ammajii 17,2015 (REUTERS)

AFCON dorgommii waancaa kubbaa miilaa Afrikaati.Ganna lama lamaan wal dorgoman. Bara 2015 Ayvorii Kostitti Gaanaa 9-8 moohee marroo lammeessoof waancaa fudhate.

Barana dorgommii tana Gaabonitti kopheessa.Gaaboon Afrikaa gama jidduu qubatti.Gaabonin siyaasaa f malii jireennaa itti hammaatee,wanti isiin jireenna isiitii abdattu ka gannatti doolara biliyona 1 fi miliyoona 800 irraa argattu zayitin itti kasaartee,namii mootummaan wal dhabee hiriiraa karaattee baafatee akka hamaa jirti.Tanuma keessa dorgommii tanallee qopheessiti.

AFCON 2017 guyyaa shaniin duubatti jalqaban Ammajii 14- Gurrandhalaa 5, 2017 istaadiyoomii Gaabon afur keessatti taphatanii biyya 16 itti dhufa.

Ammajii 14:

Gaabon fi Giinii Bisawu

Burkiinaa Faasoo fi Giinii Bisawu

Ammajii 15:

Aljeeriyaa fi Zimbaabuwee,

Tuniziyaa fi Senegaal

Ammajii 16:

Ayvoori Koostii fi Toogoo

DR Koongoo fi Morookoo

Ammajii 17:

Gaanaa fi Ugaandaa,

Maalii fi Masrii

Giinii Bisawu takkumaa hagana dorgommii waancaa Afrikaa kanaa dabartee hin beettu. Bara 1996, 2002 fi 2004 ufumaa dhiiftee bara 1998 ammoo taphachuu dhowwan.Barana taphattoota 23n biyya alaatii guurrattee dhufte.

Barana shaampiyoonaa waancaa Afrikaa ka durii Koongoo Biraazaavilii fi Zaambiyaa mootee asi geette.Warra isiin filatte keessaa tokkoo Fransicoso Junior ka durii kialbi Evertonii taphatu fa.

Akkuma dorgommiin jalqabdeen Gaaboon waliin taphatti.Bara hedduu duuba taphatti deebitee,nama hedduu alaa fidattee biyyaa fi biyyee isii irratti taphatti,waan hedduu irraa eegan.

Dorgommii AFCON biyya 16 taphata hagii tokko biyya alaatii nama fidataa hagii tokko ammoo namii jarii alaa abdate irraa hafe

Morookoon gurbaa isii kilabii Southampton keessa taphatu Sofiane Boufal yaammattullee miilii dhibamee irraa hafe.

Southampton gurbaa ganna 23 kana euro miliyona 16 bitatte taphachiifachuutti jirti.Namii isiin abdatte ka dhibiin Younes Belhanda, Oussame Tannane fi Nordin Amrabat faatillee Morookoof hin dhufne.

Warra isiin filatte keessaa tokkoo Fransicoso Junior ka durii kialbi Evertonii taphatu fa.Giinii Bisawu tapha akkanaatii takkuma hin dabarree shaampiyoonaa waancaa Afrikaa ka durii Koongoo Biraazaavilii fi Zaambiyaa mootee asi geette.

Burkinaa Faasoonlleen ijoollee dorgommii waancaa Afrikaa kana irratti isii fulaa buutee taphattu 23nu ya filattee qixeeffatte.

Burkina Faso garee “A” keessa jirtii Gabon, Cameroon fi Giinii Bisawuun walti marte.

Joon Maaykil Oobii gurba Naayjeeriyaa ka kilaboo English Premier League(EPL) keessaa kiaabii Chelsiiti taphatu kaan amma ya kilabii Chaaynaa,kilabii Tianjiin TEDA jedhanitti gale.OObiin eegii Chelsiitti galee bara 2006 asitit marroo 372 Chelsii taphate.

Chelsiin tapahcuun naa gammchuu guddoo taatullee ammitii yoo waan haaraa arguu malan jedhe.

Tapahtaa Manchester Sitii, Fernandinho (mirga) fi taphataa Bilaakibarn Kiris Teyleritti dorgommii FA Cup marsaa sadeessoo Ingilaadnitti tapahtan irratti akkana kubbaa wal saama. England Amajjii 4, 2014
Tapahtaa Manchester Sitii, Fernandinho (mirga) fi taphataa Bilaakibarn Kiris Teyleritti dorgommii FA Cup marsaa sadeessoo Ingilaadnitti tapahtan irratti akkana kubbaa wal saama. England Amajjii 4, 2014
FA CUP, maqaa wal dorgommii waldaan kilaboota Ingiliiziiti.Waldaa kun kilaboota Ingiliiz keessa jiran 736 qaba.Dorgommii tanaan marsaa qaraa irratti kilabii 124ti walti hafee, marsaa lammeesso irratti ammoo kilabii 84ti walti hafee akkanuma jechaa kilabiin lama waancaaf walti hafti.Dorgommii marsaa afreessoo Ammajii 28,2017 itti deebihan.

Chesliin tapha kanaaf Nathan Ake kilabii Bourenemouth irraa egifatte.

Manchester Yunaaytid ammoo kialbii Reading 4-0 mootee dorgommii FA CUP marsaa abreessootti dabarte.Kilabiin Yunaaytidiin mataan wal qabde Manchester Sitiin ammoo West Haam 5-0 garfatee marsaa abreessootti dabarte.Chelsii fi Tottenhaam tapha duraan moohaniin gara dorgommii marsaa abreessootti dabran.

Istook Sitii,everton,West Bromwich fi Siwaan Sitii faatii ammoo warra dorgommii marsaa afreessootti dabruu dadhabe keessaa tokko.

Kilabii FA CUP moote barana Euro miliyoona 1.8 badhaasan.

XS
SM
MD
LG