Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jibuutiin Godinaa Daldalaa Ijaruuf Karoorsuu Ishee Labsite


Djibouti
Djibouti

Prezidaantiin Jibuutii ijaarsi projektii godinaa daldala walaba Afriikaa guddicha jedhuu Wixata kaleessaa sirnaan labsanii jiran. Kunis deggersa Chinaan ta’uu ibsaniiru.

Walii galteen ijaarsa godinaa daldala walabaa fageenya km 48 kun kan mallatteeffame sadaasa bara 2016 akka qaama chainaan daandii daldalaa babal’siuuf qabduutti.

Jibuutiin biyya xiqqoo lakkoobsi baay’ina uummata ishee kuma 876 duruu ol waa hedduu keessummeessiti.

Maadhee humna galaanaa US fi Ferensaay, yoo taatu chinaanis maadhee galaanaa ijaaraa jirti. Jabuutiin daldala biyya hollaa uummata miliyoona 99 qabdu kan Itiyoopiyaa illee ni keessummeessiti.

Itiyoopiyaa qofaa utuu hin taane sudaan kibbaa, Somalia fi naannoo hara gurguddaaf illee daandii irra deddeeb’uun daldalan ta’uuf karoora kan qabdu ta’uu dura taa’aan buufata doonii fi abbaa taayitaa godinaa walaba ta’ee Abubakar Omar Hadii Reutersf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG