Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaada Uummataa: Angawoota Jijjiiruu fi Gaaffiin Uummataa Wal Hin Siman


Mormii Irreecha Hora Arsadee Bara 2016 irratti godhame
Mormii Irreecha Hora Arsadee Bara 2016 irratti godhame

Paarlaamaan Itiyoopiyaa gumii isaa kutaa lammataa kaleessa waaree booda geggeesseen miseensota paarlaamaa keesssaa hangi tokkoo presidentiin biyyattii wal ga’ii idilee mana maree bakka bu’otaa fi federeeshiniif haasaa imaammataa dhageessisan irratti hundaa’uu dhaan gaaffii dhiyeessaniif muummichi ministeeraa Haayila Maariyaam Dessaaleny deebii kennaniiru.

Gaaffilee sana keessaa manneen marii bakka bu’oota uummataa sagaleewwan adda addaa kan keessatti dhaga’amanii fi waltajjii falmii akka ta’an seera filannoo hanga fooyyessuutti sirreessuun akka ta’u kan presidentichi dubbatan wabii godhachuu dhaan filannoon duraanii dimokraatawaa ta’uu isaanii gaafatanii jiru.

Jijjiirama kana gochuun maaliif barbaachise? Sirnaawwan caalmaa sagaleef kan sagalee bakka bu’ummaa madaalawaa kan of keessaa qabu maal jechuu akka ta’e ilaalchisuun gaaffii gaafataniiru.

Muumichi ministeeraa HyilaMaariyaam Dessaaleny deebii kennanniin kan isaan irratti fuulefatan filannoowwan hanga ammaatti geggeessaman dimokraatawaa dha jedhanii mirkaneessuu dhaan kun badii paartii biyya bulchu ykn kan qaama ka biroo akka hin ta’in ibsuuf yaalaniiru.

Haa ta’u malee biyyattiin kan isheen hordoftu sirni sagalee caalmaa haala jiru waliin kan wal hin simne waan ta’eef sirnawwan filannoo lamaan sirna walitti fidu uumuun akka barbaachisu qorannaa dhaan mirkanaa’eera jedhan.

Haa ta’u malee kun IHADEG qofatti murtaa’uun akka irra hin jiraanne ibsanii dhimma kana keessa na galcha humnoota jedhan walitti qabuu dhaan paartilee seeraa dhimmi kun ilaallatu waliin mari’achuun murtaa’a jedhan. IHADEG kanaaf murannoo qabaachuu isaa dubbatan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG