Xurree ittiin seenan

Jimmatti Lafa Chochooteen 'Barattoota Hedduuti Yunivarsitii Jimmaatii Madaahe'

  • Soraa Halakee

Akka barattooti Yunivarsitii Jimmaa jedhanitti, Jimmatti Dilbata dabre jechuun Mudde 19 lafti chochoote barattoota baayyeet mammadaahe.Hagi tokko immo adoo baqatanii wal irratti jigee mammadaawan.Lafti Jimmaatti haga sekondii 20-30 chochoote jedhan tun, galgala gara sa'aatii 3:20 akkasumas galgaluma sun gara sa'aatii 4:00tti chochoote.

Barattoota hedduu illee manaa baqachiifte. Taatullee ta sa'aatii afurii tana irratti bartooti nu dubbifne waan gara garaa jedhan.Akka jecha Dr.Attaalaay Ayyelee ogeessi saayinsii fi hawaasaa jedhanitti lafti gara Hosayinaatti illee chochootee turte. Chochiin lafaa sun humna rektor iskeel 5.4 qabdi ture.

Chochiin Jimmatti taate tun manneen Yunivarsitii Jimmaa haga tokko dadayyaastullee amma barattooti nagumaan barachuutti jiran.

Qophii waa'ee chochii lafaa kana MP3 tuquun dhaggeeffadhaa 

XS
SM
MD
LG