Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Qabeenyaa Keenya Saamaa Namoota Immoo Hidhaatti Guuraa Jira: Jiraattota Magaalaa Bulee Horaa


Faayilii - Hiriira Mormii Bulee Horaatti jalqaba bara 2016tti geggeeffaman keessaa tokko
Faayilii - Hiriira Mormii Bulee Horaatti jalqaba bara 2016tti geggeeffaman keessaa tokko

Godina Gujii bahaa aanaa Bulee Horaa keessatti hidhaa fi humnoonni mootummaa qabeenyaa uummata irraa saamuun itti fufeera jechuun jiraattonni himataa jiran. Kana dur ennaa mormiin geggeessamaa ture ABO ittiin deddeebisaa turtan jedhuun kan uummati bakkaa bakkatti ittiin sosso’u Motor Cycle 1500 ta’au uummata irraa fudhatame jira jedhu.

Qabeenyaa yeroo sana manca’es isintu bakka buusuu qaba jedhanii harka qalleeyyii irraa utuu hin hafin qarshii kuma shanii hanga isaa oliitti walitti qabaa, kan maallaqa kana baasuu hin dandeenye immoo hidhaa jiru jedhu jiraattonni bulee Horaa.

Itti gaafatamaan poolisii aanaa Sanaa obbo Taganee Dhaabaa garuu himannaa kana haaluu dhaan naannoon keenya nagaa guutuu qaba, himannaa jedhame kanas quba hin qabu, hidhamuus qabeenyaan saamamuus odeeffannoon argadhe hin jiru jedhan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG