Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhaa fi Dararaan Nutti Hammaate: Jiraattota Oromiyaa fi Naannolee Adda Addaa


Hidhaa fi Dararaan Nutti Hammaate: Jiraattota Oromiyaa fi Naannolee Adda Addaa
Hidhaa fi Dararaan Nutti Hammaate: Jiraattota Oromiyaa fi Naannolee Adda Addaa

Naannolee Oromiyaa magaalaalee adda addaa keessatti mormiin erga ka’e waggaa tokko darbeera. Mormiin kunis gara magaalaalee adda addaa keessumaa gara naannoo Amaaraatti babal’atee, mormiin Gonder keessatti ka’e gara naannolee amaaraa ka birootti illee darbee jira.

Naannoo uummattoota kibbaa akkasuma Koonsoo keessatti gaaffiin ofiin of bulchuu mormiin dhaqqabsiise wagga tokkoo ol ta’eera.

Kanaanis lubbuun namoota hedduudarbeeraa, qaamni hir’ateeraa, qabeenyaan barbadaa’eera. Akka lakkoobsa Itiyoopiyaa Fulbaana 28 baatii ja’aaf kan turu labsiin yeroo hatattamaa labsamee jira. Erga labsamee baatii lama guutuuf guyyoonni xiqqoon kan hafan akka labsii kanaatti namoonni kummi 11600 to’annaa jala oolaniiru.

Muummichi ministeeraa Haayilamaariyaam Dassaaleny torban tokkodura Finfinneetti kan argamu miseensota hawaasa diplomaasummaa waliin marii geggeessaniin labsii yeroo hatattamaa Kanaan wal qabatee nagaa fi tasgabbiin biyyattii baka duraan turetti deebi’uu isaa dubbatan.

Jiraattota magaalaalee adda addaa ka biyyattii keessaa irraa namoonni VOAf akka ibsanitti akka duraanii ba’anii mormii dhageessisuun waan hin jiru waan ta’eef biyyattiin tasgabbii waan qabaatte fakkeesse jedhan.

Haa ta’u male kana dura mormii keessatti hirmaataniiru, gara fuula duraattis hirmaachuu danda’u jedhamuun kanneen shakkaman martinuu naannolee irraa qabamanii fudhatamaniiru. Manneen barnootaa utuu hin hafin mana hidhaa ta’aniiru jedhu.

Dubbi himaan waajjira kominikeeshinii mootummaa Itiyoopiyaa Dr. Nagarii Leencoo labsiin yeroo hatattamaa biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii buusuuf gargaareera jedhu.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG