Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jireenna horiisee bulaa fi qonnaan bulaa Oromiyaa ganna 20n dabranii


Akka jecha itti gaafatamaa Biiroo Qonna Oromiyaa,Obbo Zelaalem Jemaaneetti,eegii mootummaan ADWUI biyya bulchuu jalqabee asitti gama qonnaatii fi gama warra horii naannolee Oromiyaatti waan hedduutti jijjiirame;barattootii hedduun barachuun, karaan guddan bahee baaddiyaa fi dira ykn magaalaa walti dhaabuu, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan waldaan gurmaahanii waan barbaadan argachu dabalee hedduu.

“Karoori mootummaa guddaan baaddiyaa Oromiyaa misoomsuu waan taheef hujiin gugurdoon baaddiyaatti hojjatamte.”

Taatullee barana gammoojjii Oromiyaa keessattuu Booranatti horii kuma kunrnya hedduutti dhumate.Akka itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaatti mootummaan namaa midhaanii fi bisaan qoodaa horii ammoo marraa fi bisaan qooduu dabalee waan gara garaatiin gargaaraa bahe.

“Karoora qabnuun akka lubbuu nama hin dabarre goone…falii guddaan ka ummatii ufiin ufi gargaaruun dabalee karoora hunda jabaa baasuutti caala kana irratti hojjachuutti jirra.”

Gama kaaniin ammoo qonnaa bulaa fi horsiisee bulaalleen akka waan qabu gabayaatti ergatuuf waan hedduutti qajeeleefii waan hedduun ammoo hojjatamuutti jirtii akka itti gaafatama kanaatti.

Hujii mootummaan gama qonnaatii fi gara warra horiitiin hojjate irratti yaada qalbii keessan nuu barreessaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG